Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:44

[1] “Akka isaan isin arganiif jettanii ‘Hojii qajeelummaa’ keessan fuula namootaa duratti akka hin hojjenneef of eeggadhaa. Yoo akkas gootan abbaa keessan kan samii irraa biraa gatii hin qabaattaniitii.

[2] “Kanaafuu ati yommuu warra rakkataniif waa kennitutti akka fakkeessitoonni namoota biratti jajamuuf jedhanii manneen sagadaa keessattii fi karaa irratti godhan sana malakataan hin labsatin. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.

[3] Yeroo ati rakkattootaaf waa kennitutti garuu waan harki kee mirgaa godhu, harki kee bitaa hin beekin;

[4] kunis akka kennaan kee dhoksaan taʼuuf. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.

[5] “Isin yommuu kadhattan akka fakkeessitootaa hin taʼinaa; isaan namatti mulʼachuuf jedhanii manneen sagadaa keessaa fi golee karaa irra dhaabatanii kadhachuu jaallatuutii. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.

[6] Ati garuu yeroo kadhattu mana keetti ol gali; balbala cufadhuutii Abbaa kee isa hin mulʼanne sana kadhadhu. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.

[7] Isinis yommuu kadhattan akka ormootaa dubbii faayidaa hin qabne irra hin deddeebiʼinaa; isaan baayʼina dubbii isaaniitiin waan isaaniif dhagaʼamu seʼu.

[8] Isin akka isaanii hin taʼinaa; abbaan keessan utuma isin hin kadhatin iyyuu waan isin barbaachisu ni beekaatii.

[9] “Egaa akkana jedhaa kadhadhaa: “ ‘Yaa Abbaa keenya kan samii irra jirtu, maqaan kee haa qulqullaaʼu;

[10] mootummaan kee haa dhufu; fedhiin kee akkuma samii irratti taʼe sana, lafa irrattis haa taʼu.

[11] Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa harʼa nuu kenni.

[12] Akkuma nu warra yakka nutti hojjetaniif dhiifnu sana, atis yakka keenya nuuf dhiisi.

[13] Isa hamaa jalaa nu baasi malee qoramatti nu hin galchin.’ Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti. Ameen.

[14] Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan, Abbaan keessan inni samii irraas akkasuma isiniif dhiisaatii.

[15] Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiisuu baattan garuu, Abbaan keessanis akkasuma cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.

[16] “Isin yommuu soomtanitti akka fakkeessitootaa fuula hin dukkaneeffatinaa; isaan akka soomuutti jiran argisiifachuuf jedhanii fuula isaanii hammeessu. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.

[17] Ati garuu yeroo soomtu mataa kee dibadhu; fuula kees dhiqadhu.

[18] Kunis akka sooma kee sana abbaa kee isa namatti hin mulʼanne malee namni hin beekneefii dha. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun gatii kee ifaan ifatti siif kenna.

[19] “Isin iddoo itti bilii fi daanaʼoon balleessituu fi iddoo itti hattuun cabsitee hattu lafa irratti badhaadhummaa ofii keessaniif hin kuufatinaa.

[20] Garuu iddoo itti bilii fi daanaʼoon nyaattee hin balleessinee fi iddoo itti hattuun cabsitee hin hanne samii irratti badhaadhummaa ofii keessaniif kuufadhaa.

[21] Idduma badhaadhummaan kee jiru sana garaan kees jiraatii.

[22] “Iji ibsaa dhagnaa ti. Iji kee fayyaa taanaan, dhagni kee guutuun ifaan guutama.

[23] Yoo iji kee fayyaa hin taʼin garuu, dhagni kee guutuun ni dukkanaaʼa. Erga ifni si keessa jiru sun dukkanaaʼee, dukkanni sun hammam haa jabaatu ree!

[24] “Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi Maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.

[25] “Kanaafuu ani isinittin hima; ‘Maal nyaanna yookaan maal dhugna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. Jireenyi nyaata hin caaluu? Dhagnis uffata hin caaluu?

[26] Mee simbirroota samii ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni samii irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii?

[27] Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼuu eenyu?

[28] “Isin maaliif waaʼee uffataa yaaddoftu? Daraaraawwan dirree akkamitti akka guddatan mee ilaalaa. Isaan hin dhamaʼan yookaan hin foʼan.

[29] Ani garuu isinittin hima; Solomoon iyyuu ulfina isaa hunda keessatti, akka tokkoo isaaniitti hin uffanne.

[30] Isin yaa warra amantii xinnoo nana. Waaqni erga marga dirree kan harʼa jiruu fi kan bor immoo ibiddatti naqamutti iyyuu akkasitti uffisee, isinitti immoo guddaa caalchisee hin uffisuu ree?

[31] Kanaafuu, ‘Maal nyaanna?’ yookaan ‘Maal dhugna?’ yookaan ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaaddaʼinaa.

[32] Kana hunda ormoonni iyyuu ni barbaaduutii; Abbaan keessan inni samii irraas akka wanni kun hundinuu isin barbaachisu ni beeka.

[33] Garuu duraan dursaatii mootummaa isaatii fi qajeelummaa isaa barbaadaa; wanni kun hundinuu akkasuma isiniif kennama.

[34] Kanaafuu waaʼee boriitiif hin yaaddaʼinaa; bor ofii isaatiif ni yaaddaʼaatii. Hamminni guyyaa sanaa mataan isaa guyyicha ni gaʼa.

Wangeela Maatewos — Chapters