Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:12

[1] Bara sana Heroodis bulchaan oduu waaʼee Yesuus dhagaʼe;

[2] innis tajaajiltoota isaatiin, “Kun Yohannis Cuuphaa dha; inni warra duʼan keessaa kaafameera! Sababiin hojiin dinqii isaan hojjetamuufis kanuma” jedhe.

[3] Heroodis sababii niitii obboleessa isaa Fiiliphoos, sababii Heroodiyaasiitiif jedhee Yohannisin qabee, hidhee mana hidhaatti galchee tureetii.

[4] Kunis sababii Yohannis Heroodisiin, “Ati ishee fuudhuun kee seera miti” jechaa tureef.

[5] Inni immoo Yohannisin ajjeesuu barbaade; garuu sababii namoonni Yohannisin akka raajiitti ilaalaa turaniif isaan sodaate.

[6] Intalli Heroodiyaas guyyaa dhaloota Heroodisitti keessummoota duratti sirbitee Heroodisin gammachiifte;

[7] kanaafuu inni waan isheen gaafatte kam iyyuu isheef kennuuf kakuudhaan waadaa gale.

[8] Isheenis haadha isheetiin gorfamtee, “Mataa Yohannis Cuuphaa gabatee irra kaaʼii naa kenni” jette.

[9] Mootichis ni gadde; garuu sababii kakuu isaatii fi sababii warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaataniitiif jedhee akka wanni isheen barbaadde sun isheef kennamu ajaje;

[10] innis nama ergee mana hidhaa keessatti mataa Yohannis isa irraa kute.

[11] Mataan isaas gabatee irra kaaʼamee fidamee intalattiitti kenname; isheenis haadha isheetti geessite.

[12] Barattoonni Yohannisis dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaalan. Isaanis dhaqanii Yesuusitti himan.

[13] Yesuus yommuu waan kana dhagaʼetti achii kaʼee kophaa isaa bidiruudhaan iddoo namni hin jirre tokko dhaqe. Namoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti magaalaawwanii baʼanii miillaan isa duukaa buʼan.

[14] Yesuus yommuu bidiruu irraa buʼetti tuuta guddaa tokko arge; innis garaa laafeefii dhukkubsattoota isaanii fayyiseef.

[15] Yommuu galgalaaʼetti barattoonni gara isaa dhufanii, “Iddoon kun gammoojjii dha; aduunis dhiiteerti. Namoonni kunneen gara gandootaa dhaqanii akka nyaata bitataniif isaan gad dhiisi” jedhaniin.

[16] Yesuus garuu, “Deemuun isaan hin barbaachisu. Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii” jedhee deebise.

[17] Isaanis, “Nu buddeena shanii fi qurxummii lama qofa asii qabna” jedhanii deebisan.

[18] Yesuusis, “Isuma natti fidaa” jedhe.

[19] Innis akka namoonni marga irra tataaʼan ajajee buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabsees barattootatti kenne; barattoonni immoo namootaaf kennan.

[20] Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa hambifame gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.

[21] Warri nyaatanis dubartootaa fi ijoollee malee gara dhiira kuma shanii turan.

[22] Yesuus yommusuma akka barattoonni bidiruu yaabbatanii hamma inni tuuta sana of irraa geggeessutti isa dura gamatti darbaniif isaan dirqisiise.

[23] Innis erga namoota of irraa geggeessee booddee kadhachuuf kophaa isaa gaaratti ol baʼe. Yommuu galgalaaʼettis kophaa isaa achi ture;

[24] yeroo kanatti immoo bidiruun sun lafa irraa xinnoo achi hiiqxee turte; sababii bubbeen fuula duraan itti bubbiseef bidiruun sun dambaliidhaan asii fi achi raafamaa turte.

[25] Yesuusis halkan keessaa kutaa afuraffaatti galaana irra deemaa gara isaanii dhufe.

[26] Barattoonnis yommuu galaana irra deemuu isaa arganitti akka malee rifatan. Sodaataniis, “Kun ekeraa dha” jedhanii iyyan.

[27] Yesuus garuu yommusuma, “Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa” jedhee isaanitti dubbate.

[28] Phexros immoo, “Yaa Gooftaa! Egaa si taanaan, akka ani bishaan irra deemee gara kee dhufu na ajaji” jedhee deebiseef.

[29] Yesuusis, “Kottu” jedheen. Phexros immoo bidiruu sana irraa buʼee bishaan irra deemaa gara Yesuus dhufe.

[30] Yommuu bubbee jabaa sana argetti garuu ni sodaate; liqimfamuu jalqabnaanis, “Yaa Gooftaa na oolchi!” jedhee iyye.

[31] Yesuus yommusuma harka isaa hiixatee isa qabee, “Yaa namicha amantii xinnoo nana, ati maaliif mamte?” jedheen.

[32] Yommuu isaan bidiruu yaabbatanittis bubbeen sun gab jedhe.

[33] Warri bidiruu sana keessa turanis, “Ati dhuguma Ilma Waaqaa ti!” jedhanii isaaf sagadan.

[34] Isaanis yommuu gama ceʼanitti Geensereexitti bidiruu irraa buʼan.

[35] Namoonni iddoo sanaas yommuu Yesuusin beekanitti biyya naannoo sanaa hundatti dhaamsa ergan. Namoonnis dhukkubsattoota isaanii hunda isatti fidan;

[36] akka dhukkubsattoonni sun handaara wayyaa isaa illee tuqaniif isa kadhatan; warri handaara wayyaa isaa tuqan hundinuus ni fayyan.

Wangeela Maatewos — Chapters