Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:45

[1] Hiddi dhaloota Yesuus Kiristoos sanyii Daawit, sanyii Abrahaam taʼe sanaa kanaa dha:

[2] Abrahaam Yisihaaqin dhalche; Yisihaaq Yaaqoobin dhalche; Yaaqoob Yihuudaa fi obboloota isaa dhalche;

[3] Yihuudaan Taamaar irraa Faaresii fi Zeraa dhalche; Faares Hezroonin dhalche; Hezroon Arraamin dhalche;

[4] Arraam Amiinaadaabin dhalche; Abiinaadaab Nahishoonin dhalche; Nahishoon Salmoonin dhalche;

[5] Salmoon Rahaab irraa Boʼeezin dhalche; Boʼeez Ruut irraa Yoobeedin dhalche; Yoobeed Isseeyin dhalche;

[6] Isseey Daawit Mooticha dhalche. Daawit niitii Uuriyaa irraa Solomoonin dhalche;

[7] Solomoon Rehooboʼaamin dhalche; Rehooboʼaam Abiyaa dhalche; Abiyaan Asaafin dhalche;

[8] Asaaf Yehooshaafaaxin dhalche; Yehooshaafaax Yehooraamin dhalche; Yehooraam Uziyaan dhalche;

[9] Uziyaan Yootaamin dhalche; Yootaam Akaazin dhalche; Akaaz Hisqiyaasin dhalche;

[10] Hisqiyaas Minaasee dhalche; Minaaseen Aamoonin dhalche; Aamoon Yosiyaasin dhalche;

[11] Yosiyaas bara boojuu Baabilon keessa, Yekooniyaanii fi obboloota isaa dhalche.

[12] Boojuu Baabilon booddee, Yekooniyaan Sheʼaltiiʼeelin dhalche; Sheʼaltiiʼeel Zarubaabelin dhalche;

[13] Zarubaabel Abiyuudin dhalche; Abiyuud Eliyaaqeemin dhalche; Eliyaaqeem Azoorin dhalche;

[14] Azoor Zaadoqin dhalche; Zaadoq Akiimin dhalche; Akiim Eliyuudin dhalche;

[15] Eliyuud Eleʼaazaarin dhalche; Eleʼaazaar Maattaanin dhalche; Maattaan Yaaqoobin dhalche;

[16] Yaaqoob Yoosefin dhalche; Yoosef kunis dhirsa Maariyaam ishee Yesuus isa Kiristoos jedhamu deesse sanaa ti.

[17] Egaa walumaa galatti Abrahaamii hamma Daawititti dhaloota kudha afur, Daawitii hamma boojuu Baabilonitti dhaloota kudha afur, boojuu Baabilonii hamma Kiristoosiitti dhaloota kudha afurtu ture.

[18] Dhalachuun Yesuus Kiristoos akkana ture: Haati isaa Maariyaam kaadhima Yoosef turte; isheenis utuu Yoosef wajjin wal bira hin gaʼin Hafuura Qulqulluudhaan ulfooftee argamte.

[19] Yoosef kaadhimni ishee sunis nama qajeelaa waan tureef, dhoksaadhaan ishee dhiisuu murteesse malee uummata duratti ishee qaanessuu hin barbaanne.

[20] Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, ergamaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; “Yaa Yoosef ilma Daawit, kaadhimni kee Maariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin.

[21] Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Yesuus jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii.”

[22] Kun hundinuu akka wanni Gooftaan karaa raajichaatiin dubbate sun raawwatamuuf taʼe.

[23] Innis, “Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu” jedha. Amaanuʼel jechuunis, “Waaqni nu wajjin jira” jechuu dha.

[24] Yoosefis hirribaa dammaqee akkuma ergamaan Gooftaa isa ajajetti Maariyaamin niitummaadhaan mana isaatti fudhate.

[25] Garuu inni hamma isheen ilma deessutti ishee bira hin geenye. Maqaa isaas, “Yesuus” jedhee moggaase.

Wangeela Maatewos — Chapters