Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:58

[1] Yesuus erga dubbii kana dubbatee fixatee booddee, Galiilaadhaa kaʼee gama Yordaanos gara biyya Yihuudaa dhaqe.

[2] Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; innis achitti isaan fayyise.

[3] Fariisonni tokko tokkos isa qoruuf gara isaa dhufanii, “Namni tokko waanuma argeen niitii isaa hiikuun ni eeyyamamaa?” jedhanii gaafatan.

[4] Yesuusis akkana jedhee deebise; “Isin akka inni jalqabatti isaan uume sun, ‘dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume’ hin dubbifnee?

[5] Inni akkana jedhe; ‘Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko taʼu.’

[6] Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Waaqni tokko taasise namni gargar hin baasin.”

[7] Isaanis, “Yoos Museen maaliif akka namni tokko waraqaa ragaa hiikkaa kenneefii niitii isaa of irraa geggeessu ajaje ree?” jedhanii isa gaafatan.

[8] Yesuusis akkana jedhee deebise; “Museen sababii mata jabina keessaniitiif jedhee akka isin niitota keessan hiiktan isiniif eeyyame. Jalqabatti garuu akkana hin turre.

[9] Ani isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata.”

[10] Barattoonni isaas, “Haalli dhirsaa fi niitii akkana taanaan fuudhuu dhiisuu wayya” jedhaniin.

[11] Yesuusis akkana jedheen; “Waan kana warra isaaniif kenname qofa malee namni hundi fudhachuu hin dandaʼu.

[12] Warri xuʼaashii taʼanii gadameessa haadha isaaniitii dhalatan jiruutii; warri harka namaatiin xuʼaashii taʼanis jiru; kanneen mootummaa samiitiif jedhanii xuʼaashii of taasisanis jiru; namni kana fudhachuu dandaʼu haa fudhatu.”

[13] Ergasii akka inni harka isaan irra kaaʼee isaaniif kadhatuuf ijoollee xixinnoo Yesuusitti fidan. Barattoonni garuu isaan ifatan.

[14] Yesuusis, “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan samii kan warra akkanaatii” jedhe.

[15] Innis erga harka isaa isaan irra kaaʼee booddee achii deeme.

[16] Kunoo namichi tokko gara Yesuus dhufee, “Yaa barsiisaa, jireenya bara baraa argachuuf wanni gaariin ani gochuu qabu maali?” jedhee gaafate.

[17] Yesuus immoo, “Ati maaliif waaʼee waan gaarii na gaafatta? Gaariin Isa Tokkicha qofatu jira. Ati yoo jireenyatti galuu barbaadde ajajawwan eegi” jedhee deebise.

[18] Namichis, “Ajajawwan kami?” jedhee gaafate. Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “ ‘Hin ajjeesin; hin ejjin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin;

[19] abbaa keetii fi haadha kee kabaji; ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’”

[20] Dargaggeessi sunis, “Ani ajajawwan kanneen hunda eegeera. Yoos maaltu amma iyyuu na duraa hirʼata ree?” jedheen.

[21] Yesuusis, “Ati yoo nama hirʼina hin qabne taʼuu barbaadde, dhaqiitii waan qabdu gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedhee deebiseef.

[22] Dargaggeessi sunis yommuu waan kana dhagaʼetti gaddee achii deeme; inni qabeenya guddaa qaba tureetii.

[23] Yesuusis barattoota isaatiin akkana jedhe; “Ani dhuguma isinittin hima; mootummaa samiitti galuun nama sooressaaf rakkisaa dha.

[24] Ammas isinittin hima; namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata.”

[25] Barattoonni yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee raajeffatanii, “Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” jedhanii gaafatan.

[26] Yesuusis isaan ilaalee, “Kun namaaf hin dandaʼamu; Waaqaaf garuu wanni hundinuu ni dandaʼama” jedhe.

[27] Kana irratti Phexros, “Kunoo, nu waan hunda dhiifnee si duukaa buuneerra! Egaa maal arganna ree?” jedhee deebise.

[28] Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa haaraa keessatti, yeroo Ilmi Namaa teessoo isaa ulfina qabeessa sana irra taaʼutti, isin warri na duukaa buutanis akkasuma teessoowwan kudha lama irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtu.

[29] Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan abbaa yookaan haadha yookaan niitii yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise hundi dachaa dhibba ni argata; jireenya bara baraas ni dhaala.

[30] Garuu warri jalqabaa hedduun warra dhumaa ni taʼu; warri dhumaa hedduun immoo warra jalqabaa ni taʼu.

Wangeela Maatewos — Chapters