Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:49

[1] Yesuus yeroo sana guyyaa Sanbataatiin lafa qotiisaa midhaanii keessa darbe. Barattoonni isaas beelaʼanii asheetii midhaanii ciratanii nyaachuu jalqaban.

[2] Fariisonni yommuu waan kana arganitti, “Ilaa! Barattoonni kee waan guyyaa Sanbataatiin hojjechuun seeraan hin eeyyamamne hojjetu” jedhaniin.

[3] Innis akkana jedhee deebise; “Yeroo Daawitii fi warri isa wajjin turan beelaʼanitti waan Daawit godhe isin hin dubbifnee?

[4] Inni mana Waaqaa seene; innii fi warri isa wajjin turanis buddeena kennaa nyaatan; buddeenni sun immoo luboota qofaaf malee isaaniif hin eeyyamamu ture.

[5] Yookaan akka luboonni mana qulqullummaa keessaa guyyaa Sanbataatiin Sanbata xureessan, taʼus akka yakka taʼee isaanitti hin hedamne isin Seera keessatti hin dubbifnee?

[6] Ani isinitti nan hima; kan mana qulqullummaa caalu as jira.

[7] Isin, utuu dubbiin, ‘Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhu’ jedhu sun maal jechuu akka taʼe beektanii jiraattanii silaa warra yakka hin qabnetti hin murtan ture.

[8] Ilmi Namaa Gooftaa Sanbataatii.”

[9] Innis achii kaʼee mana sagadaa isaanii seene;

[10] kunoo, namichi harki irratti goge tokkos achi ture. Isaanis sababii ittiin Yesuusin himatan barbaadaa waan turaniif, “Guyyaa Sanbataatiin nama fayyisuun seeraa?” jedhanii isa gaafatan.

[11] Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Isin keessaa namni hoolaa tokko qabu, yoo hoolaan sun guyyaa Sanbataatiin boolla keessa buʼe, kan harkisee hin baafanne jiraa?

[12] Namni immoo hammam hoolaa caalaa gatii guddaa haa qabaatu ree! Kanaafuu Sanbataan waan gaarii hojjechuun eeyyamamaa dha.”

[13] Namichaanis, “Harka kee diriirfadhu” jedhe. Namichis harka diriirfate; harki isaas guutummaatti fayyee akkuma isa kaanii taʼe.

[14] Fariisonni garuu gad baʼanii akka ittiin Yesuusin ajjeesan mariʼatan.

[15] Yesuus waan kana beekee iddoo sanaa kaʼee deeme. Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; innis dhukkubsattoota isaanii hunda fayyise;

[16] akka isaan akka inni beekamu hin goones isaan ajaje.

[17] Kunis akka wanni Isaayyaas raajichi dubbate sun raawwatamuuf taʼe; innis akkana jedha:

[18] “Tajaajilaan koo inni ani filadhe, inni ani jaalladhuu fi inni ani itti gammadu isa kana; ani Hafuura koo isa irra nan kaaʼa; innis sabootatti murtii qajeelaa ni labsa.

[19] Inni hin wacu yookaan hin iyyu; namni tokko illee sagalee isaa karaa irratti hin dhagaʼu.

[20] Inni hamma akka murtiin qajeelaan moʼu godhutti, shambaqqoo buruqe hin cabsu; foʼaa ibsaa kan seequs hin dhaamsu.

[21] Saboonnis maqaa isaa ni abdatu.”

[22] Yeroo sanatti namicha hafuura hamaan qabame, kan iji isaa jaamee arrabni isaas dubbachuu dide tokko gara isaa fidan; Yesuusis namicha sana fayyise; namichis dubbachuu fi arguu dandaʼe.

[23] Namoonni hundinuus dinqifatanii, “Kun Ilma Daawit taʼinnaa?” jedhan.

[24] Fariisonni garuu yommuu kana dhagaʼanitti, “Namichi kun Biʼeelzebuul, hangafa hafuurota hamoo qofaan hafuurota hamoo baasa” jedhan.

[25] Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedheen; “Mootummaan gargar of qoodu hundinuu ni diigama; magaalaan yookaan maatiin gargar of qoodu hundinuus hin dhaabatu.

[26] Seexannis Seexana baafnaan, inni gargar of qooda. Yoos mootummaan isaa akkamitti dhaabachuu dandaʼa ree?

[27] Erga ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasee, ijoolleen keessan immoo maaliin baasu ree? Kanaafuu isaan abbootii murtii isinitti taʼu.

[28] Garuu ani Hafuura Waaqaatiin hafuurota hamoo baasa taanaan, yoos mootummaan Waaqaa isinitti dhufeera.

[29] “Yookaan namni kam iyyuu yoo duraan dursee nama jabaa tokko hidhe malee akkamitti mana nama jabaa sanaa seenee qabeenya isaa saamuu dandaʼa? Ergasii inni mana isaa saamuu dandaʼa.

[30] “Namni na wajjin hin jirre kam iyyuu naan morma; namni na wajjin walitti hin qabne kam iyyuus ni bittinneessa.

[31] Kanaafuu ani isinittin hima; cubbuu fi arrabsoon hundinuu namaaf ni dhiifama; Hafuura Qulqulluu arrabsuun garuu hin dhiifamu.

[32] Nama Ilma Namaatiin mormee jecha tokko dubbatu kamiif iyyuu ni dhiifama; nama Hafuura Qulqulluudhaan mormee dubbatu kamiif iyyuu garuu, addunyaa kana irratti yookaan addunyaa dhufuuf jiru irratti hin dhiifamu.

[33] “Muka gaarii qabaadhaa; iji isaa gaarii taʼaa; muka gadhee qabaadhaa; iji isaa gadhee taʼaa; mukni ija isaatiin beekamaatii.

[34] Isin yaa ijoollee buutii nana, isin warri hamoon akkamitti waan gaarii dubbachuu dandeessu? Waan garaa guute afaan dubbataatii.

[35] Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessa jiru keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessa jiru keessaa waan hamaa baasa.

[36] Ani garuu isinittin hima; guyyaa murtiitti namoonni dubbii akkuma argan dubbatan hundumatti ni gaafatamu.

[37] Dubbii keetiin qajeelaa taasifamtaatii; dubbii keetiinis sitti murama.”

[38] Ergasii barsiistonni seeraatii fi Fariisonni tokko tokko, “Yaa barsiisaa, nu mallattoo sirraa arguu barbaanna” jedhaniin.

[39] Innis deebisee akkana isaaniin jedhe; “Dhaloonni hamaa fi ejjaan mallattoo barbaada! Garuu mallattoo Yoonaas raajichaa sana malee mallattoon tokko iyyuu hin kennamuuf.

[40] Akkuma Yoonaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa qurxummii guddaa tokkoo keessa ture sana, Ilmi Namaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa lafaa keessa ni turaatii.

[41] Namoonni Nanawwee guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaʼanii itti muru; isaan lallaba Yoonaasiin qalbii jijjiirrataniitii; kunoo, kan Yoonaasin caalu as jira.

[42] Mootittiin kibbaa guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaatee itti murti; isheen ogummaa Solomoon dhagaʼuuf jettee daarii lafaatii dhufteetii; kunoo, kan Solomoonin caalu as jira.

[43] “Hafuurri xuraaʼaan yommuu nama keessaa baʼutti, boqonnaa barbaacha lafa gogaa keessa joora; garuu hin argatu.

[44] Innis, ‘Mana koo isa ani keessaa baʼe sanatti nan deebiʼa’ jedha. Yommuu achi gaʼuttis manicha duwwaa taʼee, haramee qulqulleeffamee, qopheeffames argata.

[45] Ergasiis dhaqee hafuurota biraa torba kanneen isa caalaa hamoo taʼan fudhatee dhufa; isaanis itti galanii achi jiraatu. Haalli namicha sanaa kan dhumaa isa jalqabaa caalaa hammaata. Dhaloonni hamaan kunis akkasuma taʼa.”

[46] Utuu Yesuus amma iyyuu namootatti dubbachaa jiruu kunoo, haatii fi obboloonni isaa isa wajjin haasaʼuu barbaadanii ala dhadhaabachaa turan.

[47] Namni tokkos, “Haati keetii fi obboloonni kee si wajjin haasaʼuu barbaadanii ala dhadhaabatu” jedhee isatti hime.

[48] Innis deebiseefii, “Haati koo eenyu? Obboloonni koos eenyu faʼi?” jedheen.

[49] Harka isaas gara barattoota isaatti qabee akkana jedhe; “Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti.

[50] Namni fedhii Abbaa koo isa samii irraa guutu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis.”

Wangeela Maatewos — Chapters