Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 10:51

[1] Guyyuma sana Yesuus manaa baʼee galaana bira taaʼe.

[2] Tuunni namootaa guddaan naannoo isaatti walitti qabame; utuu namoonni hundi qarqara galaanichaa dhadhaabachaa jiranuu, inni bidiruu yaabbatee taaʼe.

[3] Innis akkana jedhee waan baayʼee fakkeenyaan isaanitti hime; “Kunoo, namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe.

[4] Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼe; simbirroonnis dhufanii nyaatanii fixan.

[5] Kaan immoo lafa kattaa, iddoo biyyoo baayʼee hin qabne irra buʼe. Sanyiin sunis sababii biyyoon sun gad fageenya hin qabaatiniif dafee biqile.

[6] Yommuu aduun baatetti garuu biqiltuun sun ni coollage; waan hidda hin qabaatiniifis ni goge.

[7] Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis guddatee biqiltuu sana hudhe.

[8] Ammas sanyiin kaan biyyoo gaarii irra buʼee achitti ija naqate; garri tokko dachaa dhibba, kaan dachaa jaatama, kaan immoo dachaa soddoma naqate.

[9] Namni gurra qabu kam iyyuu haa dhagaʼu.”

[10] Barattoonnis gara isaa dhufanii, “Ati maaliif fakkeenyaan namootatti dubbatta?” jedhanii isa gaafatan.

[11] Innis akkana jedhee deebiseef; “Icciitii mootummaa samii beekuun isiniif kennameera; isaaniif garuu hin kennamne.

[12] Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; irraa hafaas ni qabaata. Kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama.

[13] Wanni ani akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbadhuufis kana: “Isaan utuma ilaalanuu hin argan; utuma dhaggeeffatanuus hin dhagaʼan yookaan hin hubatan.

[14] Raajiin Isaayyaas dubbate sun isaan irratti raawwatameera; innis akkana jedha: “ ‘Dhagaʼuu inuma dhageessu; garuu hin hubattan; ilaaluus inuma ilaaltu; garuu hin qalbeeffattan.

[15] Qalbiin saba kanaa doomeeraatii; gurri isaanii sirriitti hin dhagaʼu; ija isaaniis dunuunfataniiru. Utuu akkas taʼuu baatee silaa ija isaaniitiin arganii, gurra isaaniitiin dhagaʼanii, qalbii isaaniitiinis hubatanii ni deebiʼu turan; anis isaan nan fayyisa ture.’

[16] Iji keessan garuu waan arguuf eebbifamaa dha; gurri keessanis waan dhagaʼuuf eebbifamaa dha.

[17] Ani dhuguma isinittin himaatii; raajonnii fi qajeeltonni baayʼeen waan isin argitan kana arguu hawwan; garuu hin argine; waan isin dhageessan kanas dhagaʼuu hawwan; garuu hin dhageenye.

[18] “Egaa fakkeenyi namicha sanyii facaasuu maal akka taʼe dhagaʼaa:

[19] Yoo namni kam iyyuu dubbii mootummichaa dhagaʼee hubachuu baate, inni hamaan sun dhufee waan garaa isaa keessatti facaafame sana butata. Kun sanyii karaa irratti facaafamee dha.

[20] Sanyiin lafa kattaa irratti facaafame, nama dubbicha dhagaʼee yommusuma gammachuun fudhatuu dha.

[21] Garuu inni waan hidda hin qabneef yeroo gabaabaa qofa tura. Yeroo rakkinni yookaan ariʼatamni sababii dubbichaatiif dhufutti inni dafee gufata.

[22] Sanyiin qoraattii keessatti facaafame sunis nama dubbicha dhagaʼu argisiisa; garuu yaaddoon addunyaa kanaatii fi gowwoomsaan qabeenyaa dubbicha hudhee ija naqachuu dhowwa.

[23] Sanyiin biyyoo gaarii irratti facaafame garuu nama dubbicha dhagaʼee hubatu argisiisa. Innis ija kenna; garri tokko dhibba, kaan jaatama, kaan immoo soddoma naqata.”

[24] Yesuus akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; “Mootummaan samii nama lafa qotiisaa isaa keessatti sanyii gaarii facaafate tokko fakkaata.

[25] Garuu utuu namoonni rafanuu diinni isaa dhufee qamadii keessatti inkirdaada facaasee deeme.

[26] Yeroo qamadiin sun guddatee ija naqatetti inkirdaadnis ni mulʼate.

[27] “Garboonni abbaa lafa qotiisaa sanaas gara isaa dhufanii, ‘Gooftaa, ati lafa qotiisaa kee keessatti sanyii gaarii hin facaafnee? Yoos inkirdaadni eessaa dhufe ree?’ jedhaniin.

[28] “Innis deebisee, ‘Diinatu kana hojjete’ jedhe. “Garboonnis, ‘Akka nu dhaqnee buqqifnu ni barbaaddaa?’ jedhanii isa gaafatan.

[29] “Namichi garuu akkana jedhee deebiseef; ‘Lakki, utuu inkirdaada buqqiftanuu, akka isa wajjin qamadii hin buqqifneef dhiisaa.

[30] Hamma yeroo haamaatti lachanuu walumaan haa guddatan. Anis yeroo sana warra midhaan haamaniin, “Jalqabatti inkirdaada sana buqqisaa; akka gubamuufis bissii bissiidhaan hidhaa; qamadii garuu walitti qabaatii gombisaa kootti naa naqaa” jedhee isaanitti nan hima.’ ”

[31] Innis akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; “Mootummaan samii sanyii sanaaficaa kan namni fuudhee lafa qotiisaa isaa keessatti facaase tokko fakkaata.

[32] Inni dhugumaan sanyii hunda irra xinnaa dha; erga guddatee garuu biqiltuu hunda caalee muka taʼa; simbirroonnis dhufanii dameewwan isaa irra jiraatu.”

[33] Amma illee akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; “Mootummaan samii raacitii dubartiin tokko fuutee hamma inni guutummaatti bukeessutti daakuu safartuu sadiitti makte fakkaata.”

[34] Yesuus waan kana hundumaa fakkeenyaan namootatti dubbate; innis fakkeenyaan malee waan tokko illee isaanitti hin dubbanne.

[35] Kunis akka wanni raajichi, “Ani fakkeenyaan afaan koo nan banadha; waan gaafa addunyaan uumamee jalqabee dhokfames nan dubbadha” jedhe sun raawwatamuuf taʼe.

[36] Yesuusis tuuta namootaa achumatti dhiisee mana ol seene. Barattoonni isaas gara isaa dhufanii, “Hiikkaa fakkeenya inkirdaada lafa qotiisaa keessaa sana nutti himi” jedhaniin.

[37] Innis akkana jedhee deebise; “Namichi sanyii gaarii facaase sun Ilma Namaa ti.

[38] Lafti qotiisaa sun addunyaa dha; sanyiin gaariinis ijoollee mootummichaa ti. Inkirdaadni sun ijoollee isa hamaa sanaa ti;

[39] diinni inkirdaada facaase immoo diiyaabiloos dha. Haamaan dhuma addunyaa ti; warri haaman immoo ergamoota Waaqaa ti.

[40] “Akkuma inkirdaadni walitti qabamee ibiddaan gubamu sana, dhuma addunyaattis akkasuma taʼa.

[41] Ilmi Namaa ergamoota isaa ni erga; isaanis waan cubbuutti nama geessu hundaa fi warra waan hamaa hojjetan hunda mootummaa isaa keessaa baasanii walitti qabu.

[42] Boolla ibiddaattis isaan darbatu; achittis wawwaannaa fi ilkaan qaruutu taʼa.

[43] Yeroo sana qajeeltonni mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka aduu ni ifu. Namni gurra qabu haa dhagaʼu.

[44] “Mootummaan samii qabeenya lafa qotiisaa keessa dhokfame fakkaata. Namni tokkos qabeenya kana argatee deebisee dhokse; innis waan gammadeef dhaqee waan qabu hunda gurguree lafa qotiisaa sana bitate.

[45] “Akkasumas mootummaan samii daldalaa lula gaarii barbaadu tokko fakkaata.

[46] Daldalaan sunis lula gatii guddaa tokko argate; innis dhaqee waan qabu hundumaa gurguree lula sana bitate.

[47] “Akkasumas mootummaan samii kiyyoo galaanatti darbatamee qurxummii gosa hundaa walitti qabe fakkaata.

[48] Yeroo kiyyoon sun guutamettis qurxummii qabdoonni gara qarqara galaanaatti isa harkisan. Ergasiis tataaʼanii qurxummii gaarii filanii qodaa isaaniitti naqatan; qurxummii gadhee immoo ni gatan.

[49] Dhuma addunyaattis akkasuma taʼa. Ergamoonni dhufanii warra hamoo warra qajeeltota irraa gargar baasu;

[50] boolla ibiddaattis isaan darbatu; achittis wawwaannaa fi ilkaan qaruutu taʼa.”

[51] Yesuusis, “Waan kana hunda hubattaniirtuu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Eeyyee” jedhanii deebisan.

[52] Innis, “Kanaafuu barsiisaan seeraa kan barataa mootummaa samii taʼe kam iyyuu abbaa manaa kan qabeenya haaraa fi moofaa mana miʼa isaa keessaa gad baasu tokko fakkaata” jedheen.

[53] Yesuus erga fakkeenya kana dubbatee raawwatee booddee achii kaʼee deeme.

[54] Innis gara magaalaa itti dhalatee dhaqee mana sagadaa isaanii keessatti namoota barsiisuu jalqabe; isaanis ni dinqisiifatan. Akkana jedhaniis gaafatan; “Namichi kun ogummaa kanaa fi hojiiwwan dinqii kanneen eessaa argate?

[55] Inni ilma namicha muka soofu sanaati mitii? Maqaan haadha isaas Maariyaam mitii? Obboloonni isaas Yaaqoob, Yoosef, Simoonii fi Yihuudaa mitii?

[56] Obboleettonni isaa hundinuu nu bira jiru mitii? Yoos namichi kun waan kana hundumaa eessaa argate?”

[57] Isaanis isatti gufatan. Yesuus garuu, “Raajiin magaalaa itti dhalatee fi mana isaatti malee kabaja hin dhabu” jedheen.

[58] Innis sababii amantii dhabuu isaaniitiif hojii dinqii hedduu achitti hin hojjenne.

Wangeela Maatewos — Chapters