Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:35

[1] Saaʼolis ajjeefamuu Isxifaanos irratti namootaan walii galee ture. Guyyuma sana waldaa Kiristaanaa ishee Yerusaalem jirtutti ariʼatamni guddaan kaʼe; ergamoota malee warri kaan hundinuu biyya Yihuudaatii fi Samaariyaa hunda keessa bibittinnaaʼan.

[2] Namoonni Waaqa sodaatanis Isxifaanosin awwaalan; booʼicha guddaas booʼaniif.

[3] Saaʼol garuu waldaa kiristaanaa balleessuu jalqabe; innis mana tokko irraa gara mana biraa dhaqee dhiiraa fi dubartii lafa irra harkisee mana hidhaatti galchaa ture.

[4] Warri bittinnaaʼan sun lafa dhaqan hundatti dubbii sana lallaban.

[5] Fiiliphoosis gara magaalaa Samaariyaa tokkootti gad buʼee achitti Kiristoos lallabe.

[6] Namoonni sunis yommuu waan Fiiliphoos dubbatu dhagaʼanii dinqii inni hojjetu arganitti hundi isaanii qalbeeffatanii isa dhagaʼan.

[7] Hafuurri xuraaʼaanis sagalee guddaan iyyee nama hedduu keessaa baʼe; warri laamshaʼanii fi warri naafatan baayʼeenis ni fayyan.

[8] Kanaafis gammachuu guddaatu magaalaa sana keessatti taʼe.

[9] Garuu yeroo sanaan dura namichi Simoon jedhamu tokko magaalaa sana keessatti falfala hojjetee namoota Samaariyaa hunda dinqisiisaa ture; innis akka waan nama guddaa taʼeetti of hedaa ture.

[10] Namoonni hundinuu xinnaa guddaan qalbii isaanii gara isaatti deebifatanii, “Namichi kun humna Waaqaa isa ‘humna guddaa’ jedhamu sanaa dha” jedhanii isa saadan.

[11] Namoonni sunis sababii inni yeroo dheeraa falfala isaatiin isaan dinqisiiseef qalbii isaanii gara isaatti deebifatan.

[12] Garuu yommuu Fiiliphoos wangeela waaʼee mootummaa Waaqaatii fi maqaa Yesuus Kiristoos lallabetti amananii dhiiraa dubartiin cuuphaman.

[13] Simoon mataan isaa iyyuu amanee cuuphame. Innis mallattoo fi dinqii arge sana dinqifachaa Fiiliphoos wajjin deeme.

[14] Ergamoonni Yerusaalem turan akka warri Samaariyaa dubbii Waaqaa fudhatan dhagaʼanii Phexrosii fi Yohannisin isaanitti ergan.

[15] Ergamoonni sunis yommuu achi gaʼanitti akka isaan Hafuura Qulqulluu argataniif ni kadhataniif;

[16] Hafuuri Qulqulluun isaan keessaa nama tokko irra illee hin buune tureetii; isaan maqaa Gooftaa Yesuus qofaan cuuphamanii turan.

[17] Phexrosii fi Yohannis harka isaanii jara sana irra kakaaʼan; isaanis Hafuura Qulqulluu argatan.

[18] Simoon falfaltichis akka yeroo ergamoonni harka isaanii nama irra kaaʼan Hafuurri Qulqulluun namaa kennamu arginaan ergamootaaf horii kennee,

[19] “Akka namni ani harka irra kaaʼu hundi Hafuura Qulqulluu argatuuf dandeettii kana anaaf illee kennaa” jedheen.

[20] Phexros garuu akkana jedhee deebiseef; “Sababii ati kennaa Waaqaa waan horiin bitachuu dandeessu seeteef horiin kee suma wajjin haa badu!

[21] Garaan kee fuula Waaqaa duratti waan qajeelaa hin taʼiniif ati tajaajila kana keessatti qooda yookaan carraa hin qabdu.

[22] Kanaaf hammina kee kana irraa deebiʼiitii gooftaa kadhadhu; inni yaada garaa keetii kana siif dhiisa taʼaatii.

[23] Ani akka ati yaada hadhaaʼaan guutamtee fi akka ati garbicha cubbuu taate nan arga.”

[24] Simoonis, “Akka wanni isin jettan kun tokko iyyuu narra hin geenyeef Gooftaa naa kadhadhaa” jedhee deebise.

[25] Phexrosii fi Yohannis erga dhugaa baʼanii dubbii Gooftaas labsanii booddee gandoota Samaariyaa hedduu keessatti wangeela lallabaa Yerusaalemitti deebiʼan.

[26] Ergamaan Gooftaa tokko Fiiliphoosiin, “Kaʼiitii karaa Kibbaatiin gara daandii Yerusaalemii baʼee Gaazaatti gad buʼu sanaa dhaqi” jedhe; daandiin sunis daandii gammoojjii ti.

[27] Innis kaʼee deeme; karaa isaa irrattis xuʼaashii Itoophiyaa tokko jechuunis qondaalticha Kandakee mootittii saba Itoophiyaa kan qabeenya ishee hunda irratti itti gaafatamaa taʼe arge; qondaalli sun sagaduuf jedhee Yerusaalem dhaqee ture.

[28] Innis yeroo biyya isaatti deebiʼu gaarii isaa irra taaʼee kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbifachaa ture.

[29] Hafuurri Qulqulluunis Fiiliphoosiin, “Dhaqiitii gaarii sanatti dhiʼaadhu” jedhe.

[30] Fiiliphoosis gaarii sanatti fiigee utuu namichi sun kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbifatuu dhagaʼee, “Ati waan dubbiftu kana ni hubattaa?” jedhee gaafate.

[31] Namichis, “Yoo namni naa hin ibsin ani akkamiin hubachuu dandaʼa?” jedhe. Innis akka Fiiliphoos ol baʼee isa bira taaʼuuf waammate.

[32] Kutaan kitaabaa kan xuʼaashiin sun dubbisaa ture isa kana: “Inni akkuma hoolaa iddoo qalmaatti geeffamee, yookaan akkuma ilmoo hoolaa kan fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu akkasuma afaan isaa hin saaqqanne.

[33] Inni cunqurfamuu isaatiin murtii qajeelaa dhowwatame; eenyutu waaʼee sanyii isaa dubbachuu dandaʼa? Jireenyi isaa lafa irraa fudhatameeraatii.”

[34] Xuʼaashiin sunis Fiiliphoosiin, “Raajiin sun waaʼee eenyuu dubbata? Waaʼee mataa isaa moo waaʼee nama biraa ti? Maaloo mee natti himi!” jedhee gaafate.

[35] Fiiliphoosis kutaadhuma kitaabaa sanaan afaan saaqatee oduu gaarii waaʼee Yesuus isatti hime.

[36] Isaanis utuu karaa deemanuu bishaanitti baʼan; xuʼaashiin sunis, “Kunoo bishaan as jira; yoos maaltu cuuphamuu na dhowwa ree?” jedheen.

[37] [Fiiliphoosis, “Ati yoo garaa kee guutuun amante cuuphamuu ni dandeessa” jedheen. Namichis deebisee, “Akka Yesuus Kiristoos ilma Waaqaa taʼe ani nan amana” jedhe.]

[38] Innis akka gaariin sun dhaabatu ajaje; isaan lamaanuu dhaqanii bishaan seenan; Fiiliphoosis isa cuuphe.

[39] Yommuu isaan bishaan keessaa baʼanittis Hafuurri Gooftaa Fiiliphoosin fudhate; xuʼaashiin sunis ergasii isa hin argine; garuu gammadaa karaa isaa itti fufe.

[40] Fiiliphoos immoo Azooxoonitti argame; innis hamma Qiisaariyaa gaʼutti magaalaawwan hunda keessatti wangeela lallabaa darbe.

Hojii Ergamootaa — Chapters