[1] Isaanis Amfiipholiisii fi Apholooniyaa keessa darbanii Tasaloniiqee iddoo manni sagadaa Yihuudootaa ture dhufan.
[2] Phaawulosis akkuma amala isaa mana sagadaa seenee guyyaa Sanbataa sadii dubbii kitaabaa irratti isaan wajjin dudubbachaa,
[3] akka Kiristoos dhiphachuu fi warra duʼan keessaa kaʼuu qabu addeessaa, mirkaneessaas ture. Innis, “Yesuus ani amma isinitti himu kun Kiristoosii dha” jedhe.
[4] Yihuudoota keessaa tokko tokko, Giriikota Waaqa sodaatan keessaas namoonni akka malee baayʼatanii fi dubartoonni bebeekamoon hedduun amananii Phaawulosii fi Siilaasitti dabalaman.
[5] Yihuudoonni garuu hinaaffaan guutaman; isaanis iddoo gabaatii kashlabboota tokko tokko walitti qabatanii, uummatas kakaasanii magaalaa keessatti goolii uuman; Phaawulosii fi Siilaasinis fuula uummataa duratti dhiʼeessuuf jedhanii isaan barbaacha mana Yaasonitti fiigan.
[6] Yommuu jara dhabanitti immoo Yaasonii fi obboloota tokko tokko harkisaa fuula qondaaltota magaalaa duratti dhiʼeessanii akkana jedhanii iyyan; “Namoonni addunyaa hunda rakkisaa turan kunneen amma kunoo as dhufaniiru;
[7] Yaasonis mana isaatti isaan simateera. Hundi isaaniis, ‘Mootiin biraa kan Yesuus jedhamu tokko jira’ jedhanii labsii Qeesaariin mormu.”
[8] Uummannii fi qondaaltonni magaalaa sanaas yommuu waan kana dhagaʼanitti ni raafaman.
[9] Isaanis Yaasonii fi warra kaan irraa qabsiisa fuudhanii gad isaan dhiisan.
[10] Obboloonnis yeruma sana Phaawulosii fi Siilaasin halkaniin Beeriyaatti ergan; isaanis yommuu achi gaʼanitti mana sagadaa Yihuudootaa seenan.
[11] Yihuudoonni Beeriyaa Yihuudoota Tasaloniiqee irra qalbii qabeeyyii turan; isaanis fedhii guddaan dubbii sana fudhatanii akka wanni Phaawulos jedhe sun dhugaa taʼee fi akka dhugaa hin taʼin ilaaluuf jedhanii guyyuma guyyaan Katabbiiwwan Qulqulluu qorachaa turaniitii.
[12] Kanaaf Yihuudoota keessaa baayʼeen ni amanan; akkasumas dubartoonni Giriik beekamoon hedduunii fi dhiironni Giriik hedduun ni amanan.
[13] Yihuudoonni Tasaloniiqee yommuu akka Phaawulos Beeriyaa keessattis dubbii Waaqaa lallabaa ture dhagaʼanitti achis dhaqanii rakkoo uumanii uummata kakaasan.
[14] Obboloonni immoo yommusuma Phaawulosin gara qarqara galaanaatti ergan; Siilaasii fi Xiimotewos garuu Beeriyaatti hafan.
[15] Namoonni Phaawulosin geggeessanis Ateenaan isa gaʼanii akka Siilaasii fi Xiimotewos hamma isaanii dandaʼametti dafanii Phaawulos bira dhaqaniif ajaja fuudhaniifii deebiʼan.
[16] Phaawulos utuu Ateenaa keessatti isaan eegaa jiruu akka magaalaan sun waaqota tolfamoodhaan guutamte argee akka malee gadde.
[17] Kanaaf mana sagadaa keessatti Yihuudootaa fi Giriikota Waaqa sodaatan wajjin, iddoo gabaatti immoo guyyuma guyyaan warra achitti argaman wajjin falmaa ture.
[18] Gareen falaasamtoota Efiiqoroosiitii fi Istoʼiki tokkos isaan falmaa ture; isaan keessaa tokko tokko, “Namichi legellegaan kun maal jedha?” jedhan. Warri kaan immoo, “Inni waaʼee waaqota ormaa labsa fakkaata” jedhan. Phaawulos waaʼee Yesuusii fi waaʼee duʼaa kaʼuu lallabaa tureetii.
[19] Isaanis isa qabanii gara wal gaʼii Ariyoosphaagositti geessan; achittis akkana jedhaniin; “Barsiisni haaraan ati fidde kun maal akka taʼe beekuu dandeenyaa?
[20] Ati waan nu takkumaa hin dhagaʼin nutti himaa jirta; kanaaf nu akka wanni kun maal jechuu taʼe beekuu feena.”
[21] Warri Ateenaa hundii fi namoonni biyya ormaa kanneen achi jiraatan yeroo isaanii waan haaraa dhagaʼuu fi odeessuu irratti malee waan biraa irratti hin balleessan ture.
[22] Phaawulosis wal gaʼii Ariyoosphaagos walakkaa dhaabatee akkana jedhe; “Yaa namoota Ateenaa! Ani akka isin karaa hundaanuu warra amantaa taatan nan hubadha.
[23] Ani yommuun nanaannaʼee waan isin waaqeffattan ilaaletti iddoo aarsaa kan katabbii, Waaqa hin Beekamneef, jedhu of irraa qabu argeeraatii. Egaa amma waan isin utuu hin beekin waaqeffattan kana isinittin hima.
[24] “Waaqni addunyaa fi waan ishee keessa jiru hunda uume sun Gooftaa samiitii fi lafaa ti; inni mana qulqullummaa kan harka namaatiin hojjetame keessa hin jiraatu.
[25] Inni mataan isaa sababii jireenya hafuura baafatamuu fi waan biraa hunda nama hundaaf kennuuf akka waan waa dhabeetti harka namaatiin hin tajaajilamu.
[26] Inni saboota hunda nama tokko irraa uumee akka isaan lafa hunda irra jiraatan godhe; bara jireenyaa kan isaanii kennamee fi daarii lafa isaan jiraatanii murteesse.
[27] Waaqni yoo tokkoo tokkoo keenya irraa fagoo jiraachuu baate iyyuu akka namoonni isa barbaadanii, tarii carraaqaniis isa argataniif jedhee waan kana godhe.
[28] Akkuma beektonni keessan tokko tokko, ‘Nu ilmaan isaa ti’ jedhan sana ‘Nu isa keessa jiraanna; isa keessa sochoona; eenyummaa keenya illee isa keessatti qabaannaatii.’
[29] “Kanaafuu nu waan ilmaan Waaqaa taaneef Waaqni waan akka warqee yookaan meetii yookaan dhagaa jechuunis waan ogummaa fi beekumsa namaatiin hojjetame fakkaata jennee yaaduu hin qabnu.
[30] Waaqni bara wallaalummaa durii hin ilaalu ture; amma garuu akka namni iddoo hunda jiru hundi qalbii jijjiirratu ajaja.
[31] Innis guyyaa itti harka namicha filate sanaatiin qajeelummaadhaan addunyaatti muru murteesseeraatii; kanas warra duʼan keessaa isa kaasuun nama hundumaaf mirkaneesseera.”
[32] Isaan keessaa namoonni tokko tokko yommuu waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii dhagaʼanitti ni qoosan; warri kaan immoo, “Nu ammas dubbii kana sirraa dhagaʼuu barbaanna” jedhan.
[33] Kana irratti Phaawulos isaan keessaa baʼee deeme.
[34] Namoonni tokko tokko garuu gama Phaawulos goranii amanan; isaan keessaas namichi Diiyonaasiyoos jedhamu kan miseensa Ariyoosphaagos ture tokko, dubartiin Damaariis jedhamtuu fi namoonni biraas isaan wajjin turan.