[1] Yeroo guyyaan Pheenxeqoosxee gaʼetti, hundi isaanii iddoo tokkotti walitti qabamanii turan.
[2] Akkuma tasaas sagaleen akka bubbee jabaa bubbisu tokko samii irraa dhufee mana isaan keessa tataaʼaa turan sana hunda guute.
[3] Isaanis waan akka arraba ibiddaa tokko isaa gargar qoodamee dhufee tokkoo tokkoo isaanii irra bubbuʼu argan.
[4] Hundi isaaniis Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii akkuma hafuurri sun isaan dandeessisetti afaan gara biraatiin dubbachuu jalqaban.
[5] Yeroo sana Yihuudoonni Waaqa sodaatan saboota samii jala jiran hunda keessaa dhufanii Yerusaalem keessa jiraachaa turan.
[6] Yeroo sagaleen sun dhagaʼamettis namoonni hedduun waan jedhan dhabanii walitti qabaman; warri Hafuuraan guutaman sun afaan tokkoo tokkoo namoota sanaatiin dubbachaa turaniitii.
[7] Isaanis akka malee dinqifatanii akkana jedhan; “Namoonni dudubbatan kunneen hundi warra Galiilaati mitii?
[8] Yoos akkamiin tokkoon tokkoon keenya isaanii afaanuma keenya kan nu itti dhalanne dubbatan dhageenya ree?
[9] Nu warri Phartee, warri Meedii fi warri Elaam, jiraattonni Mesophotaamiyaa, warri Yihuudaa fi Qaphadooqiyaa akkasumas jiraattonni Phonxoosii fi Asiyaa,
[10] Firiigiyaa fi Phamfiliyaa, Gibxii fi kutaawwan biyya Liibiyaa kanneen naannoo Qareenaatti argaman, nu warri Roomaadhaa dhufne,
[11] nu Yihuudoonnii fi warri amantii Yihuudootaa fudhanne lamaan, namoonni Qareexii fi Araboonni kunoo yommuu namoonni kunneen afaanuma keenyaan dinqii Waaqaa dubbatan dhageenya!”
[12] Hundi isaaniis dinqifatanii, waan jedhanis wallaalanii, “Kun maal jechuu dha?” jedhanii wal gaafatan.
[13] Namoonni tokko tokko garuu, “Isaan daadhii wayinii baayʼee dhuganiiru” jedhanii isaanitti qoosan.
[14] Phexrosis ergamoota Kudha Tokkoo sana wajjin kaʼee dhaabate; sagalee isaas ol fudhatee tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin yaa namoota Yihuudaatii fi warri Yerusaalem keessa jiraattan hundi, mee waan kana beekaa; waan ani isinitti himu kana hubadhaa dhagaʼaa.
[15] Yeroon kun waan guyyaa keessaa saʼaatii sadaffaa taʼeef namoonni kunneen akka isin yaaddan sana hin machoofne!
[16] Kun garuu waan Yooʼeel raajichi dubbatee dha; innis akkana jedha:
[17] “ ‘Bara dhumaa keessa, jedha Waaqayyo, ani Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa; ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu; dargaggoonni keessan mulʼata argu; jaarsoliin keessan abjuu abjootu.
[18] Bara sana keessa garboota koo warra dhiiraa fi dubartii irratti illee, Hafuura koo nan dhangalaasa; isaanis raajii ni dubbatu.
[19] Ani ol samii irratti dinqii, gad lafa irrattis mallattoo, dhiiga, ibiddaa fi hurrii aaraa nan argisiisa.
[20] Utuu guyyaan Gooftaa inni guddichii fi ulfina qabeessi sun hin dhufin dura, aduun dukkanatti geeddaramti; jiʼi immoo dhiigatti geeddarama.
[21] Namni maqaa Gooftaa waammatu, hundinuu ni fayya.’
[22] “Yaa namoota Israaʼel, dubbii kana dhagaʼaa; akkuma isinuu beektan, Yesuus namni Naazreeti nama Waaqni dinqii, raajii fi mallattoo karaa isaatiin isin gidduutti hojjeteen isinii mirkaneessee dha.
[23] Namicha kana Waaqatu akkuma dur murteessee fi akkuma duraan dursee beeku sanatti dabarsee isinitti kenne. Isinis namoota hamoo wajjin tokko taatanii fanniftanii isa ajjeeftan.
[24] Waaqni garuu dhiphina keessaa isa baasee, warra duʼan keessaa isa kaase; duuti isa irratti aangoo qabaachuu hin dandeenyeetii.
[25] Daawitis akkana jedhee waaʼee isaa dubbate: “ ‘Ani yeroo hunda Gooftaa of duratti nan argan ture. Waan inni mirga koo jiruuf, ani hin raafamu.
[26] Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha; foon koos abdiidhaan jiraata.
[27] Ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii; qulqullichi kee akka tortoru hin gootu.
[28] Karaa jireenyaa na barsiifteerta; fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta.’
[29] “Yaa obboloota, akka Daawit hangafni abbootii durii sun duʼee awwaalame, awwaalli isaas hamma harʼaatti asuma akka jiru ani ija jabaadhee isinitti himuu nan dandaʼa.
[30] Innis waan raajii tureef akka Waaqni sanyii isaa keessaa nama tokko teessoo isaa irra teessisuuf akka kakatee waadaa galeefii ture beeke.
[31] Innis waaʼee duʼaa kaʼuu Kiristoos, lubbuun isaa siiʼool keessatti akka hin hafin, yookaan foon isaas akka hin tortorin duraan dursee argee dubbate.
[32] Yesuusuma kana Waaqni duʼaa kaaseera; nu hundinuu dhuga baatota waan kanaa ti.
[33] Kanaaf inni gara mirga Waaqaatti ol ol jedhee, abdii Hafuura Qulqulluu Abbaa biraa fuudhee waan isin amma argitanii fi dhageessan kana dhangalaase.
[34] Daawit gara samiitti ol hin baaneetii; inni mataan isaa garuu akkana jedha: “ ‘Gooftaan Gooftaa kootiin akkana jedhe; “Gara mirga koo taaʼi;
[35] hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii siif godhutti.” ’
[36] “Kanaafuu Yesuusuma isin fanniftan kana akka Waaqni Gooftaa fi Kiristoos isa godhe manni Israaʼel hundi dhugumaan haa beeku.”
[37] Namoonni sunis yommuu waan kana dhagaʼanitti, garaan isaanii raafamee Phexrosii fi ergamoota kaaniin, “Yaa obboloota, yoos maal haa goonu?” jedhan.
[38] Phexrosis akkana jedhee deebise; “Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu.
[39] Abdiin kunis isinii fi ijoollee keessaniif, akkasumas warra Waaqni Gooftaan keenya ofitti waamu kanneen fagoo jiran hundaaf kenname.”
[40] Innis dubbii biraa baayʼeedhaan dhugaa baʼee, “Dhaloota jalʼaa kana duraa of oolchaa” jedhee isaan gorse.
[41] Warri dubbii isaa fudhatanis ni cuuphaman; gaafas nama gara kuma sadiitu isaanitti dabalame.
[42] Isaanis barsiisa ergamootaatti, jireenya tokkummaatti, buddeena caccabsuutti, Waaqa kadhachuuttis ni jabaatan.
[43] Namni hundinuus sodaan guutame; dinqii fi mallattoon baayʼeen ergamootaan hojjetame.
[44] Amantoonni hundinuus wajjin turan; waan hundas walumaan qabu turan.
[45] Qabeenya isaaniitii fi miʼa isaaniis gurguranii nama rakkina qabu kamiif iyyuu qoodaa turan.
[46] Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti wal gaʼaa turan; mana tokkoo tokkoo isaaniittis buddeena kukkutanii, gammachuu fi garaa qulqulluudhaan wajjin nyaachaa turan.
[47] Waaqas galateeffachaa turan. Namoota hunda durattis ulfina qabu turan. Gooftaanis guyyuma guyyaan warra fayyan waldaa isaaniitti dabalaa ture.