Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:22

[1] Namoonni tokko tokko Yihuudaa gara Anxookiiyaatti gad buʼanii, “Isin yoo akkuma seera Museetti dhagna qabachuu baattan fayyuu hin dandeessan” jedhanii obboloota barsiisaa turan.

[2] Kunis akka Phaawulosii fi Barnaabaas jara wajjin wal diddaa fi wal morkii cimaa keessa seenan isaan godhe; kanaaf Phaawulosii fi Barnaabaas waaʼee dubbii kanaatiif jedhanii akka Yerusaalemitti ol baʼanii ergamootaa fi maanguddoota bira dhaqaniif amantoota tokko tokko wajjin filataman.

[3] Waldaan kiristaanaas isaan ergite; isaanis akka Namoonni Ormaa Waaqatti deebiʼan odeessaa Finiiqee fi Samaariyaa keessa darban. Oduun kunis obboloota hunda akka malee gammachiise.

[4] Yommuu isaan Yerusaalem gaʼanitti waldaan kiristaanaa, ergamoonnii fi maanguddoonni isaan simatan; isaanis waan Waaqni karaa isaaniitiin hojjete hunda jaratti himan.

[5] Amantoonni garee Fariisotaa tokko tokko garuu kaʼanii dhaabatanii, “Namoonni Ormaa dhagna qabachuu qaban; akka seera Musee eeganiifis itti himamuu qaba” jedhan.

[6] Ergamoonnii fi maanguddoonni dubbii kana ilaaluuf walitti qabaman.

[7] Phexrosis falmii guddaan booddee kaʼee dhaabatee akkana isaaniin jedhe; “Yaa obboloota, isin akka Waaqni yeroo gabaabaan dura akka Namoonni Ormaa afaan koo irraa dubbii wangeelaa dhagaʼanii amananiif jedhee isinuma keessaa na filate beektu.

[8] Waaqni yaada garaa namaa beeku sun akkuma nuuf kenne sanatti isaaniifis Hafuura Qulqulluu kennuudhaan akka isaan simate mirkaneesse.

[9] Innis sababii garaa isaanii amantiin qulqulleesseef, nuu fi isaan gidduutti garaa garummaa tokko illee hin goone.

[10] Yoos maaliif waanjoo nus abbootiin keenyas baachuu hin dandaʼin morma barattootaa irra kaaʼuudhaan Waaqa qortu ree?

[11] Nu akka ayyaana Gooftaa keenya Yesuusiitiin fayyinu ni amanna; isaanis akkasuma ni fayyu.”

[12] Yommuu Barnaabaasii fi Phaawulos waaʼee mallattoo fi dinqii Waaqni harka isaaniitiin Namoota Ormaa keessatti hojjete sanaa dubbatanitti yaaʼiin guutuun calʼisee isaan dhagaʼaa ture.

[13] Erga isaan dubbatanii fixanii booddees Yaaqoob akkana jedhe; “Yaa obboloota, mee na dhaggeeffadhaa!

[14] Simoonis akka Waaqni duraan dursee Namoota Ormaa keessaa saba tokko ofii isaatii filachuun jaalala isaa argisiise nutti himeera.

[15] Dubbiin raajotaas waan kana wajjin walii gala; innis akkana jedhamee barreeffameera:

[16] “ ‘Kana booddee ani nan deebiʼa; dunkaana Daawit kan kufe sana deebisee nan ijaara; diigamaa isaa immoo deebisee nan ijaara; deebisees nan dhaaba;

[17] kunis akka namoonni hafan jechuunis, Namoonni Ormaa warri maqaa kootiin waamaman hundinuu gooftaa barbaadaniif’

[18] jedha Gooftichi waan bara dheeraaf beekame hojjete sun.

[19] “Kanaaf nu akka murtii kootiitti Namoota Ormaa kanneen Waaqatti deebiʼan rakkisuu hin qabnu.

[20] Qooda kanaa akka isaan nyaata waaqonni tolfamoon xureessan, sagaagalummaa, foon horii hudhamee duʼeetii fi dhiiga lagataniif xalayaa barreessinee itti himuu qabna.

[21] Seerri Musee dhaloota duriitii jalqabee magaalaa hunda keessatti lallabamaa ture; manneen sagadaa keessattis Sanbata Sanbata ni dubbifama.”

[22] Yommus ergamoonnii fi maanguddoonni miseensota waldaa kiristaanaa guutuu wajjin tokko taʼanii namoota isaanii keessaa tokko tokko filatanii Phaawulosii fi Barnaabaas wajjin gara Anxookiiyaatti erguu murteessan; isaanis namoota lama jechuunis Yihuudaa isa Barsiyaan jedhamuu fi Siilaas kanneen obboloota keessatti dura buʼoota turan sana filatan.

[23] Xalayaa armaan gad jiru kanas isaanitti ergan: Obboloota keessan, ergamootaa fi maanguddoota irraa; Gara Namoota Ormaa kanneen amanan warra Anxookiiyaa, Sooriyaa fi Kiilqiyaa keessa jiraataniitti; Nagaa isinii dhaamna.

[24] Nu akka namoonni tokko tokko eeyyama keenya malee nu biraa baʼanii waan dubbataniin qalbii isin raasanii isin jeeqan dhageenyeerra.

[25] Kanaafuu nu hundi namoota tokko tokko filannee obboloota keenya jaallatamoo Barnaabaasii fi Phaawulos jechuunis

[26] namoota maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiitiif jedhanii jireenya isaanii kennan isinitti erguuf walii galle.

[27] Kanaafuu akka isaan waanuma nu barreessine sana dubbii afaaniitiin isinii mirkaneessaniif jennee Yihuudaa fi Siilaasin ergineerra.

[28] Waan barbaachisaa armaan gad jiru kana malee akka nu baʼaa tokko illee isin irra hin keenye Hafuurri Qulqulluun jaallateera; nus itti gammanneerra;

[29] kunis akka isin nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamu, dhiiga, foon horii hudhamee duʼeetii fi sagaagalummaa lagattanii dha. Isin yoo waan kana irraa of eegdan, waan qajeelaa hojjettan. Nagaatti.

[30] Jarri sunis ergamanii Anxookiiyaatti gad buʼan; achittis amantoota walitti qabanii xalayaa sana itti kennan.

[31] Amantoonnis yommuu xalayaa sana dubbisanitti gorsa jajjabeessaa sanatti ni gammadan.

[32] Yihuudaa fi Siilaas warri mataan isaanii iyyuu raajota turan sun dubbii baayʼeen obboloota gorsanii jajjabeessan.

[33] Erga isaan yeroo gabaabaa achi turanii booddees, obboloonni akka isaan warra isaan erganitti deebiʼaniif nagaan isaan geggeessan.

[34] [Siilaas immoo achumatti hafuu murteesse.]

[35] Phaawulosii fi Barnaabaas garuu Anxookiiyaatti hafanii namoota biraa hedduu wajjin dubbii Gooftaa barsiisan; ni lallabanis.

[36] Phaawulosis bultii gabaabduu booddee Barnaabaasiin, “Mee kottu, magaalaawwan itti dubbii Gooftaa lallabne hundatti deebinee obboloota dubbifnaa; haala isaan keessa jiranis ni ilaallaa!” jedhe.

[37] Barnaabaasis Yohannis isa Maarqos jedhamu sana isaan wajjin fudhatee deemuu barbaade.

[38] Phaawulos garuu sababii Maarqos isaan wajjin hojiitti fufuu didee Phamfiliyaatti isaan dhiisee deemeef akka inni isaan wajjin deemu hin jaallanne.

[39] Kana irratti waldhabiisni guddaan gidduu isaaniitti uumamnaan gargar baʼan; Barnaabaasis Maarqosin fudhatee dooniidhaan Qophiroositti qajeele.

[40] Phaawulos immoo Siilaasin filatee erga obboloonni dabarsanii ayyaana gooftaatti isa kennanii booddee kaʼee deeme.

[41] Innis waldoota kiristaanaa jajjabeessaa Sooriyaa fi Kiilqiyaa keessa darbe.

Hojii Ergamootaa — Chapters