[1] Waaʼee nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamee akka nu hundinuu beekumsa qabnu beekna. Beekumsi of nama tuulchisa; jaalalli garuu nama ijaara.
[2] Namni waan waa beeku of seʼu inni amma illee akka beekuun isa irra jirutti hin beeku.
[3] Namni Waaqa jaallatu garuu Waaqaan beekameera.
[4] Egaa waaʼee nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaachuu irratti, “Akka addunyaa kana irratti Waaqni tolfamaan homaa hin fayyadne, Waaqa tokkicha malees akka Waaqni biraa hin jirre” beekna.
[5] Dhugumaan akkuma waaqonni baayʼeenii fi gooftonni baayʼeen jiran sana wantoonni waaqota jedhaman samii irra yookaan lafa irra jiraatan iyyuu,
[6] garuu Waaqa tokkicha, Abbaa, kan wanni hundi isa biraa dhufe, kan nus isaaf jiraannu qabna; akkasumas Gooftaa tokkicha, Yesuus Kiristoos kan wanni hundi karaa isaatiin dhufee fi kan nuus karaa isaatiin jiraannutu jira.
[7] Garuu namni beekumsa kana qabu nama hunda miti. Namoonni tokko tokko waaqota tolfamoo waan baraniif yommuu nyaata akkanaa nyaatanitti akka waan Waaqa tolfamaaf dhiʼeeffameetti hedu; yaadni garaa isaaniis waan dadhabaa taʼeef ni xuraaʼa.
[8] Nyaanni garuu Waaqatti nu hin dhiʼeessu; yoo nyaachuu baanne wanni nutti hammaatu, yoo nyaannes wanni nutti tolu hin jiru.
[9] Taʼus akka mirgi keessan kun warra dadhabootti gufuu hin taaneef of eeggadhaa.
[10] Namni yaada dadhabaa qabu tokko yoo utuu ati iyyuu namni beekumsa qabdu mana qulqullummaa Waaqa tolfamaa keessatti nyaattuu si arge inni waan waaqota tolfamoof dhiʼeeffame sana nyaachuuf ija hin jabaatuu?
[11] Akkasiin obboleessi dadhabaan Kiristoos isaaf jedhee duʼe kun beekumsa keetiin bada.
[12] Isinis yoo karaa kanaan obboloota keessanitti cubbuu hojjettan, yaada isaanii isa dadhabaas yoo madeessitan, isin Kiristoositti cubbuu hojjettu.
[13] Kanaafuu yoo wanni ani nyaadhu obboleessa koo gufachiise, ani akka obboleessi koo hin gufanneef gonkumaa deebiʼee foon hin nyaadhu.