Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:51

[1] Isin keessaa namni kam iyyuu yoo nama biraa irraa falmii qabaate, dhimma isaa qulqulloota duratti dhiʼeeffachuu irra akkamitti warra Waaqatti hin amanin duratti murtiif dhiʼeeffachuuf ija jabaata?

[2] Isin akka qulqulloonni addunyaatti muran hin beektanii? Erga kan addunyaatti murtan taatanii waan xixinnootti muruu hin dandeessanii?

[3] Isin akka nu ergamoota Waaqaatti murru hin beektanii? Yoos hammam caalaa waan jireenya addunyaa kanaatti haa murru ree?

[4] Egaa yoo falmii dhimma akkasii qabaattan maaliif namoota waldaa Kiristaanaa keessatti tuffataman duratti dhiʼeeffattu ree?

[5] Anis isin qaanessuuf waan kana nan dubbadha. Namni beekaan falmii amantoota gidduu jiruuf murtii kennuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru jechuudhaa?

[6] Obboleessi tokko obboleessa kaan himachuuf jedhee mana murtii dhaqa; kunis fuula warra hin amannee duratti!

[7] Wal himachuun keessan amma iyyuu guutumaatti moʼatamuu keessan argisiisa. Qooda kanaa dabni isinitti hojjetamuu hin wayyuu? Gowwoomfamuu isinii hin wayyuu?

[8] Garuu isin mataan keessan iyyuu ni gowwoomsitu; dabas ni hojjettu; kanas obbolootuma keessanitti hojjettu.

[9] Isin akka jalʼoonni mootummaa Waaqaa hin dhaalle hin beektanii? Hin gowwoominaa: halaleewwan yookaan warri Waaqa tolfamaa waaqeffatan yookaan ejjitoonni yookaan dhiironni sagaagaltoonni yookaan dhiironni dhiira wajjin sagaagalan,

[10] yookaan hattoonni yookaan doqnoonni yookaan machooftonni yookaan warri maqaa nama balleessan yookaan saamtonni mootummaa Waaqaa hin dhaalan.

[11] Gariin keessan akkas turtan. Taʼus isin maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi Hafuura Waaqa keenyaatiin dhiqamtaniirtu; qulqullooftaniirtu; qajeeltotas taasifamtaniirtu.

[12] “Wanti hundinuu naaf eeyyamameera;” kan faayidaa qabu garuu hunda isaa miti; “Wanti hundinuu naaf eeyyamameera;” garuu wanti tokko iyyuu na hin moʼatu.

[13] “Nyaanni garaadhaaf; garaanis nyaataaf;” Waaqni garuu lachan isaanii iyyuu ni balleessa. Dhagni Gooftaa tajaajiluudhaaf malee halalummaaf miti; Gooftaanis dhagnaaf.

[14] Waaqni humna isaatiin warra duʼan keessaa Gooftaa kaaseera; nus akkasuma ni kaasa.

[15] Isin akka dhagni keessan kutaa dhagna Kiristoos taʼe hin beektanii? Yoos ani kutaa dhagna Kiristoos fuudhee kutaa dhagna sagaagaltuu godhuu ree? Gonkumaa hin taʼu!

[16] Isin akka namni sagaagaltuu wajjin wal qunnamtii qabu tokko ishee wajjin dhagna tokko taʼu hin beektanii? “Lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu” jedhameeraatii.

[17] Namni Gooftaa wajjin tokko taʼe garuu Gooftaa wajjin hafuuraan tokko.

[18] Halalummaa irraa baqadhaa. Namni cubbuu biraa hunda dhagna isaatii alatti hojjeta; namni halalummaa hojjetu garuu dhagnuma ofii isaatti cubbuu hojjeta.

[19] Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Waaqa irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti;

[20] isin gatiin bitamtan; kanaafuu dhagna keessaniin Waaqaaf ulfina kennaa.

Qorontos Tokkoffaa — Chapters