[1] Yaa obboloota, ani yeroon gara keessan dhufetti, afaan toluun yookaan ogummaa guddaadhaan dhuga baʼumsa waaʼee Waaqaa lallabaa hin dhufne.
[2] Ani yeroon isin bira turetti Yesuus Kiristoos isa fannifame sana malee akka waan tokko illee hin beekne murteesseen tureetii.
[3] Ani dadhabbiin, sodaa fi hollannaa guddaadhaan gara keessan dhufe.
[4] Ergaan koo fi lallabni koo Hafuuraa fi humna argisiisuudhaan malee dubbii ogummaa fi sossobbii of keessaa qabuun hin turre;
[5] kunis akka amantiin keessan humna Waaqaa irratti malee ogummaa namaa irratti hin hundeeffamneef.
[6] Haa taʼuu malee nu warra bilchaatan gidduutti ogummaa dubbanna; garuu ogummaa addunyaa kanaa yookaan ogummaa bulchitoota addunyaa kanaa kanneen baduuf jiranii miti.
[7] Garuu nu ogummaa Waaqaa, ogummaa dhokfamee ture, isa Waaqni uumama addunyaatiin dura ulfina keenyaaf jedhee murteesse sanaa icciitiidhaan dubbanna.
[8] Bulchitoota addunyaa kanaa keessaa tokko iyyuu ogummaa kana hin hubanne; isaan utuu hubatanii jiraatanii silaa Gooftaa ulfinaa hin fannisan tureetii.
[9] Taʼu iyyuu akkuma, “Waan Waaqni warra isa jaallataniif qopheesse iji hin argine, gurri hin dhageenye, garaa namaattis hin yaadamne” jedhamee barreeffame sana,
[10] Waaqni garuu Hafuura isaatiin waan kana nutti mulʼiseera. Hafuurri wantoota hunda, wantoota Waaqaa kanneen gad fagoo taʼan illee ni qora.
[11] Hafuura isa keessa jiru malee yaada nama tokkoo eenyutu beeka? Akkasuma immoo Hafuura Waaqaa malee kan yaada Waaqaa beeku tokko iyyuu hin jiru.
[12] Nu akka waan Waaqni toluma nuu kenne hubannuuf Hafuura Waaqa irraa dhufe arganne malee hafuura addunyaa hin arganne.
[13] Wanni nu dubbannus kana; nu dubbii Hafuurri nu barsiisuun malee dubbii ogummaan namaa barsiisuun hin dubbannu; dhugaa Hafuuraas dubbii Hafuuraatiin ibsina.
[14] Namni foonii wantoota Hafuura Waaqaa hin fudhatu; kun isaaf gowwummaadhaatii; wantoonni Hafuuraa waan Hafuuraan qoramaniif inni hubachuu hin dandaʼu.
[15] Namni Hafuuraa waan hundumaa ni qora; ofii isaatii garuu eenyuun iyyuu hin qoramu.
[16] “Akka isa barsiisuuf, eenyutu yaada garaa Gooftaa beeke?” Nu garuu yaada garaa Kiristoos qabna.