Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:54

[1] Yaa obboloota, akka abbootiin keenya hundi duumessa jala turan, akka hundi isaaniis galaana keessa darban akka isin utuu hin beekin haftan ani hin barbaadu.

[2] Hundi isaaniis kan Musee taʼuuf duumessaa fi galaanaan cuuphaman.

[3] Hundi isaaniis nyaata hafuuraa tokkicha nyaatan.

[4] Hundi isaaniis dhugaatii hafuuraa tokkicha dhugan. Isaan kattaa hafuuraa isa isaan wajjin deemaa ture irraa dhuganiiruutii; kattaan sunis Kiristoos ture.

[5] Taʼu iyyuu waan Waaqni hedduu isaaniitti hin gammadiniif isaan lafa gammoojjii keessatti dhuman.

[6] Wantoonni kunneen akka nu akkuma isaanii waan hamaa hin hawwineef fakkeenya nuu taʼan.

[7] Akka isaan keessaa namoonni tokko tokko godhan sana isin waaqota tolfamoo hin waaqeffatinaa; kunis akkuma, “Namoonni nyaachuu fi dhuguuf tataaʼan; sirbuufis kaʼan” jedhamee barreeffamee dha.

[8] Akka isaan keessaa namoonni tokko tokko halalummaa raawwatanii guyyaa tokkotti namoonni 23,000 dhuman sana, nu halalummaa raawwachuu hin qabnu.

[9] Akka isaan keessaa tokko tokko Gooftaa qoranii bofaan ajjeefaman sana nu Gooftaa qoruu hin qabnu.

[10] Isin akka isaan keessaa tokko tokko guungumanii isa nama balleessuun balleeffaman sana hin guunguminaa.

[11] Kun hundi akka fakkeenya taʼuuf isaan irratti raawwatame; nuu warra dhumni baraa itti dhufeef immoo akka of eeggannaa taʼuuf barreeffame.

[12] Kanaafuu namni waan dhaabate of seʼu akka hin kufneef of haa eeggatu.

[13] Qorama nama irra gaʼu malee qoramni tokko iyyuu isinitti hin dhufne. Waaqnis amanamaa dha; inni akka isin waan baachuu hin dandeenyeen qoramtan isin hin godhu. Yommuu qoramtanitti garuu inni akka isin obsuu dandeessaniif karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.

[14] Kanaafuu yaa michoota ko, isin waaqota tolfamoo waaqeffachuu irraa baqadhaa.

[15] Ani namoota hubannaa qabanittin dubbadha; waan ani dubbadhu isinuu murteessaa.

[16] Xoofoon eebbaa kan nu eebbifnu sun dhiiga Kiristoos wajjin tokkummaa qaba mitii? Buddeenni nu caccabsinu sunis foon Kiristoos wajjin tokkummaa qaba mitii?

[17] Waan buddeenni tokko qofti jiruuf, nu baayʼee taanu iyyuu dhagnuma tokko; hundi keenya buddeenuma tokkicha sana irraa hirmaannaatii.

[18] Mee saba Israaʼel ilaalaa: Warri aarsaa irraa nyaatan sun iddoo aarsaa irraa qooda qabu mitii?

[19] Egaa maal jechuu koo ti? Nyaanni waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamu wayi moo ree yookaan Waaqni tolfamaan wayi moo ree jechuu kootii?

[20] Akkas miti; aarsaan namoonni ormaa dhiʼeessan hafuurota hamoodhaaf malee Waaqaaf miti; ani akka isin hafuurota hamoo wajjin tokkummaa qabaattan hin barbaadu.

[21] Isin xoofoo Gooftaatii fi xoofoo hafuurota hamoo dhuguu hin dandeessan; maaddii Gooftaatii fi maaddii hafuurota hamoo irrattis hirmaachuu hin dandeessan.

[22] Nu Gooftaa hinaaffaaf kakaafnaa? Nu isa caalaas jabaannaa?

[23] “Wanni hundinuu anaaf eeyyamamaa dha;” kan faayidaa qabu garuu waan hunda miti. “Wanni hundinuu anaaf eeyyamamaa dha;” kan nama fayyadu garuu waan hunda miti.

[24] Namni tokko iyyuu waan warra kaaniif gaarii taʼe barbaaduu qaba malee waan ofii isaatiif gaarii taʼe barbaaduu hin qabu.

[25] Utuu gaaffii qalbii keessaa tokko illee hin kaasin waan gabaa fooniitti gurguramu kam iyyuu nyaadhaa;

[26] “Laftii fi wanni lafa irra jiru hundinuu kan Gooftaatii.”

[27] Warra hin amanin keessaa yoo namni tokko nyaataaf isin affeere, isinis yoo dhaquu barbaaddan dhaqaa; utuu gaaffii qalbii keessaa tokko illee hin kaasin waan isin duratti dhiʼeeffame kam iyyuu nyaadhaa.

[28] Garuu yoo namni tokko, “Kun waaqota tolfamoodhaaf dhiʼeeffame” isiniin jedhe, sababii namicha isinitti hime sanaatii fi sababii qalbiitiif waan sana hin nyaatinaa.

[29] Kanas qalbii namicha sanaati malee kan keeti jechuu koo miti. Maaliif qalbii nama biraatiin bilisummaa kootti murama ree?

[30] Ani ergan galateeffachuudhaan nyaata sana irratti hirmaadhee maaliifan waan ittiin Waaqa galateeffadhuun balaaleffatama ree?

[31] Kanaafuu yoo nyaattan yookaan yoo dhugdan yookaan yoo waanuma fedhe illee hojjettan waan hunda ulfina Waaqaatiif hojjedhaa.

[32] Yihuudoota yookaan Giriikota yookaan waldaa kiristaanaa kan Waaqaa hin gufachiisinaa;

[33] kunis akkuma ani nama hunda karaa hundaan gammachiisuuf yaalii godhutti jechuu dha. Ani akka isaan fayyaniif buʼaa namoota baayʼeetiif malee buʼaa kootiif jedhee waan kana hin godhu.

Qorontos Tokkoffaa — Chapters