Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:39

[1] Obboleettii keenya Feebeen tajaajiltuu waldaa kiristaanaa ishee Kanchireʼaa imaanaa isinitti nan kennadha.

[2] Isheen namoota baayʼeef, anaafis gargaarsa guddaa waan taateef akka isin simannaa qulqullootaaf maluun Gooftaadhaan ishee simattanii fi akka gargaarsa isheen isin irraa barbaaddu kam iyyuu isheef gootan isinin kadhadhaa.

[3] Phirisqilaa fi Aqiilaa, warra Kiristoos Yesuusiin na wajjin tajaajilanitti nagaa naa himaa.

[4] Isaan naa jedhanii lubbuu isaanii balaaf saaxilan. Utuu ana qofa hin taʼin Waldaaleen Kiristaanaa Namoota Ormaa hundinuus isaan galateeffatu.

[5] Waldaa Kiristaanaa kan mana isaaniitti walitti qabamtuttis nagaa naa himaa. Biyya Asiyaa keessaa Kiristoositti amanuutti hangafa kan taʼe michuu koo jaallatamaa Axeenexoonittis nagaa naa himaa.

[6] Maariyaam ishee baayʼee isinii dhamaatettis nagaa naa himaa.

[7] Firoota koo warra na wajjin hidhaman Androoniqoosii fi Yuuniyaanittis nagaa naa himaa. Isaan warra ergamoota keessaa maqaa gaarii qaban kanneen na dura Kiristoositti amananii dha.

[8] Amphiliyaaxos isa ani Gooftaadhaan jaalladhutti nagaa naa himaa.

[9] Urbaanos isa Kiristoosin nu wajjin tajaajiluu fi michuu koo jaallatamaa Isxaakisittis nagaa naa himaa.

[10] Apheelees isa Kiristoositti amanamuun isaa qoramee mirkaneeffametti nagaa naa himaa. Warra mana Arisxoobuluu jiraatanittis nagaa naa himaa.

[11] Fira koo Heroodiyoonaatti, nagaa naa himaa. Warra mana Naarkisoos jiraatan kanneen Gooftaatti amananittis nagaa naa himaa.

[12] Warra Gooftaatti amananii dhamaʼan Tiriifeenaa fi Tiriifoosaatti nagaa naa himaa. Pharsiis jaallatamtuu hojii Gooftaatti amantee baayʼee dhamaatettis nagaa naa himaa.

[13] Ruufoos isa Gooftaadhaan filatamee fi haadha isaa ishee anaafis haadha taatetti nagaa naa himaa.

[14] Asinqiriixoositti, Fileegoonitti, Hermeesitti, Phaaxroobaasitti, Hermaasittii fi obboloota isaan wajjin jiranitti nagaa naa himaa.

[15] Filologoonitti, Yuuliyaatti, Neeriyoosittii fi obboleettii isaatti, Olimphaasittii fi qulqulloota isaan wajjin jiran hundattis nagaa naa himaa.

[16] Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa. Waldaaleen Kiristoos hundinuu nagaa isinii dhaamu.

[17] Yaa obboloota, ani akka isin warra gargar baʼuu uumanii barumsa isin barattaniinis mormuudhaan karaa keessan irra gufuu kaaʼan irraa of eeggattan isin kadhadha. Isaan irraa fagaadhaa.

[18] Namoonni akkasii garaa ofii malee Gooftaa keenya Kiristoosin hin tajaajilaniitii. Isaan afaan toluu fi saaduudhaan qalbii namoota garraamii ni hatu.

[19] Waaʼeen ajajamuu keessanii nama hundumaa biratti dhagaʼameera; anis isinitti nan gammada; garuu akka isin waan gaariif ogeeyyii, waan hamaaf immoo garraamota taatan nan barbaada.

[20] Waaqni nagaa dafee Seexana miilla keessan jalatti ni burkuteessa. Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus isin wajjin haa taʼu.

[21] Xiimotewos inni na wajjin tajaajilu, akkasumas firoonni koo Luukiyoos, Yaasonii fi Soosiiphaaxroos nagaa isinii dhaamu.

[22] Ani Xerxiwoos barreessaan xalayaa kanaa Gooftaadhaan nagaa isinii dhaama.

[23] Gaayoos inni anaa fi waldaa Kiristaanaa guutuu keessumsiisus nagaa isinii dhaama. Bulchaan maallaqaa kan magaalaa kanaa Erisxoos, akkasumas obboleessi keenya Quʼasxiroos nagaa isinii dhaamu.

[24] [Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isin hunda wajjin haa taʼu.]

[25] Egaa Waaqni akka wangeela koottii fi lallaba waaʼee Yesuus Kiristoositti, akka mulʼata icciitii bara dheeraaf dhokfamee tureettis jabeessee isin dhaabuu ni dandaʼa;

[26] amma garuu akka saboonni hundinuu Waaqatti amananii fi isaaf ajajamaniif icciitiin sun ajaja Waaqa bara baraatiin katabbiiwwan raajotaatiin ifatti baafameera; beeksifameeras.

[27] Waaqa kophaa isaa ogeessa taʼe sanaaf karaa Yesuus Kiristoosiin ulfinni bara baraan haa taʼu! Ameen.

Roomaa — Chapters