Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:51

[1] Yaa obboloota, hawwiin garaa kootii fi wanni ani Israaʼelootaaf Waaqa kadhadhu akka isaan fayyaniif.

[2] Ani akka isaan Waaqaaf hinaaffaa qaban dhugaa nan baʼa; hinaaffaan isaanii garuu kan beekumsa irratti hundeeffame miti.

[3] Isaan waan qajeelummaa Waaqa biraa dhufu hin beekinii fi waan qajeelummaa ofii isaanii uumachuu barbaadaniif qajeelummaa Waaqaatiif hin bulle.

[4] Akka namni amanu hundinuu qajeelummaa argatuuf Kiristoos raawwii seeraatii.

[5] Museen waaʼee qajeelummaa seeraan argamuu, “Namni waan seerri ajaju godhu ittiin jiraata” jedhee waan kana barreesseeraatii.

[6] Qajeelummaan amantiidhaan argamu garuu akkana jedha; “Ati garaa kee keessatti, ‘Eenyutu gara samiitti ol baʼa?’ hin jedhin;” Kun Kiristoosin gad buusuuf;

[7] “Yookaan, ‘Eenyutu qileetti gad buʼa?’ hin jedhin;” kun Kiristoosin warra duʼan keessaa ol baasuuf.

[8] Inni garuu maal jedha? “Dubbichi si bira jira; afaan keetii fi garaa kee keessa jira;” innis dubbii amantii isa nu lallabnuu dha;

[9] kunis yoo ati, “Yesuus Gooftaa dha” jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita.

[10] Namni garaa isaatiin amanee qajeelaa taasifamaatii; afaan isaatiinis dhugaa baʼee fayya.

[11] Katabbiin Qulqulluun, “Namni isatti amanu kam iyyuu gonkumaa hin qaanaʼu” jedhaatii.

[12] Yihuudii fi Giriikii gidduu garaa garummaan hin jiruutii; Gooftuma tokkicha sanatu Gooftaa hundaa ti; innis warra isa waammatan hunda eebba isaatiin badhaasa.

[13] “Namni maqaa Gooftaa waammatu hundinuu ni fayyaatii.”

[14] Yoos isaan akkamitti isa itti hin amanin waammachuu dandaʼu ree? Isa waaʼee isaa hin dhagaʼinittis akkamitti amanuu dandaʼu ree? Utuu namni isaanitti hin lallabinis akkamitti dhagaʼuu dandaʼu ree?

[15] Isaanis utuu hin ergamin akkamitti lallabuu dandaʼu? Kunis isa, “Miilli warra wangeela fidanii akkam miidhagaa dha!” jedhamee barreeffamee dha.

[16] Oduu gaarii sanas kan fudhate Israaʼeloota hunda miti. Isaayyaas, “Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane?” jedhaatii.

[17] Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Kiristoosiin dhagaʼama.

[18] Ani garuu: Isaan hin dhageenye moo? jedhee nan gaafadha; dhugumaanuu isaan dhagaʼaniiru: “Sagaleen isaanii lafa hunda, dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe.”

[19] Ammas ani: Israaʼel hin hubanne moo? jedheen gaafadha. Museen duraan dursee, “Ani warra saba hin taʼiniin akka isin hinaaftan nan godha; saba hubannaa hin qabneenis isin nan aarsaa” jedha.

[20] Isaayyaasis ija jabinaan, “Warri na hin barbaadin na argatan; warra na hin iyyaafatinittis nan mulʼadhe” jedha.

[21] Waaʼee Israaʼel garuu, “Ani guyyaa guutuu gara uummata hin ajajamnee fi didaa taʼeetti harka koo nan diriirfadhe” jedha.

Roomaa — Chapters