[1] Yesuus yeroo waan kana hundumaa namoota isa dhaggeeffachaa turanitti himee fixatetti, Qifirnaahom seene.
[2] Achis tajaajilaan ajajaa dhibbaa kan gooftaan isaa akka malee isa jaallatu tokko dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture.
[3] Ajajaan dhibbaa sunis waaʼee Yesuus dhagaʼee akka inni dhufee garbicha isaa fayyisuuf maanguddoota Yihuudootaa isatti ergee kadhate.
[4] Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti akkana jedhanii jabeessanii isa kadhatan; “Ati waan kana isaaf gochuun namicha kanaaf ni mala;
[5] inni saba keenya ni jaallataatii; mana sagadaas nuuf ijaareera.”
[6] Kanaafuu Yesuus isaan wajjin deeme. Yeroo inni manichatti dhiʼaatetti ajajaan dhibbaa sun akkana jedhee michoota isaa Yesuusitti erge; “Yaa gooftaa of hin rakkisin; ati bantii mana koo jala seenuun naaf hin maluutii.
[7] Sababiin ani ofii koo akka nama gara kee dhufuun maluufitti hin ilaaliniif iyyuu kanuma. Garuu dubbicha qofa dubbadhu; tajaajilaan koo ni fayyaatii.
[8] Ani mataan koo iyyuu nama taayitaa jala jiruu dha; loltootas of jalaa qaba. Isa tokkoon, ‘Deemi’ nan jedha; innis ni deema; isa kaaniin immoo, ‘Kottu’ nan jedha; innis ni dhufa. Tajaajilaa kootiinis, ‘Waan kana hojjedhu’ nan jedha; innis ni hojjeta.”
[9] Yesuus yommuu waan kana dhagaʼetti isa dinqifate; namoota isa duukaa buʼaa turanittis garagalee, “Ani isinittin hima; ani amantii guddaa akkanaa Israaʼel keessatti iyyuu hin arganne” jedhe.
[10] Yommuu namoonni ergamanii turan manatti deebiʼanitti garbichi sun fayyee isaan eege.
[11] Yesuus ergasii magaalaa Naayin jedhamtu tokko dhaqe; barattoonni isaatii fi namoonni baayʼeenis isa wajjin dhaqan.
[12] Yommuu inni karra magaalattiitti dhiʼaatetti jarri tokko nama duʼe tokko baatanii isatti dhufan; namichi duʼe sunis haadha isaatiif ilma tokkicha ture; haati isaas haadha hiyyeessaa turte. Namoonni magaalattii baayʼeenis ishee wajjin turan.
[13] Gooftaanis yommuu ishee argetti naʼeefii, “Hin booʼin” jedheen.
[14] Innis itti dhiʼaatee wasaasaa reeffa sanaa tuqe; warri reeffa baatanis ni dhaabatan. Innis, “Gurbayyoo, ani siin nan jedhaa, kaʼi!” jedheen.
[15] Gurbaan duʼe sunis kaʼee taaʼee dubbachuu jalqabe; Yesuusis deebisee haadha isaatti isa kenne.
[16] Hundi isaanii ni sodaatan; “Raajiin guddaan nu keessaa argameera. Waaqnis saba isaa gargaaruuf dhufeera” jedhanii Waaqaaf ulfina kennan.
[17] Oduun waaʼee Yesuus kunis Yihuudaa guutuu fi biyya naannoo sana jiru hundumaa keessa faffacaʼe.
[18] Barattoonni Yohannis waaʼee waan kana hundaa isatti himan. Yohannisis isaan keessaa nama lama ofitti waamee,
[19] “Inni dhufuuf jiru siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?” jedhee gaafachuudhaaf Gooftaatti isaan erge.
[20] Namoonni sunis yommuu gara Yesuus dhufanitti, “Yohannis cuuphaan, ‘Inni dhufuuf jiru sun siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?’ jedhee gaafachuudhaaf sitti nu ergeera” jedhaniin.
[21] Yesuusis yeruma sana namoota dhibee, dhukkubaa fi hafuura hamaa qaban hedduu fayyise; warra jaamaa turan baayʼeedhaafis agartuu deebise.
[22] Innis akkana jedhee ergamoota sanaaf deebii kenne; “Deebiʼaatii waan argitanii fi waan dhageessan Yohannisitti himaa; jaamonni ni argu; warri naafatan ni deemu; warri lamxaaʼan ni qulqullaaʼu; warri duudan ni dhagaʼu; warri duʼan ni kaʼu; hiyyeeyyiifis wangeelli ni lallabama.
[23] Namni natti hin gufanne kam iyyuu eebbifamaa dha.”
[24] Erga ergamoonni Yohannis baʼanii qajeelanii booddee Yesuus akkana jedhee waaʼee Yohannis namootatti himuu jalqabe; “Isin maal arguuf gammoojjiitti gad baatan? Shambaqqoo qilleensi raasu moo?
[25] Yoos maal arguu baatan ree? Nama uffata miidhagaa uffate moo? Lakki, warri uffata miidhagaa uffatanii qananiidhaan jiraatan masaraawwan keessa jiru.
[26] Garuu isin maal arguu baatan? Raajii moo? Eeyyee; ani isinittin hima; kan raajii iyyuu caalu.
[27] Kunis isa waaʼeen isaa akkana jedhamee barreeffamee dha: “ ‘Kunoo, ani ergamaa koo isa fuula kee duraan karaa kee qopheessu, fuula kee dura nan erga.’
[28] Ani isinittin hima; namoota dubartoota irraa dhalatan keessaa namni Yohannis cuuphaa caalu tokko iyyuu hin jiru; namni mootummaa Waaqaa keessatti nama hundumaa gad taʼe garuu isa ni caala.”
[29] Namoonni hundi, qaraxxoonni iyyuu waan harka Yohannisitti cuuphamanii turaniif yommuu dubbii Yesuus dhagaʼanitti, karaan Waaqaa qajeelaa taʼuu isaa mirkaneessan.
[30] Fariisonnii fi beektonni seeraa garuu sababii harka Yohannisitti hin cuuphaminiif kaayyoo Waaqni isaaniif qabu fudhachuu didan.
[31] Yesuus itti fufee akkana jedhe; “Yoos ani namoota dhaloota kanaa maaliinan wal fakkeessuu dandaʼa ree? Isaan maal fakkaatu?
[32] Isaan akkuma ijoollee iddoo gabaa taaʼanii wal waamanii akkana jedhanii ti: “ ‘Nu ulullee isinii afuufne; isin garuu hin sirbine; faaruu booʼichaas faarsine; isin garuu hin boonye.’
[33] Yohannis cuuphaan yeroo dhufetti buddeena hin nyaatu, daadhii wayiniis hin dhugu tureetii; isin immoo, ‘Inni hafuura hamaa qaba’ jettu.
[34] Ilmi Namaa nyaachaa, dhugaas dhufe; isin immoo, ‘Kunoo albaadhessaa fi machaaʼaa, michuu qaraxxootaatii fi cubbamootaa’ jettu.
[35] Ogummaan garuu ijoollee ishee hundumaan mirkaneeffamti.”
[36] Fariisota keessaa namichi tokko akka inni isa wajjin nyaatuuf Yesuusin affeere; innis mana Fariisichaa dhaqee maaddiitti dhiʼaate.
[37] Dubartiin cubbamtuun magaalaa sanaa tokkos yommuu akka Yesuus mana Fariisichaatti waa nyaachaa jiru bartetti bilqaaxxii albaasxiroositti shittoo qabattee dhufte.
[38] Isheenis booʼaa dugda isaa duubaan miilla isaa bira dhaabattee imimmaan isheetiin miilla isaa jiisuu jalqabde. Rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxee, dhungattees miilla isaa shittoo dibde.
[39] Fariisichi isa affeere sunis waan kana argee, “Namichi kun utuu raajii taʼee, dubartiin isa tuqxu kun eenyu akka taate, nama akkamiis akka taate ni beeka ture; isheen cubbamtuudhaatii” jedhee garaa isaa keessatti yaade.
[40] Yesuus immoo, “Yaa Simoon, ani waanan sitti himu tokko qaba” jedheen. Innis, “Yaa barsiisaa natti himi” jedhe.
[41] Yesuusis akkana jedheen; “Namoonni lama nama maallaqa liqeessu tokko irraa maallaqa liqeeffatan. Inni tokko diinaarii dhibba shan liqeeffate; kaan immoo diinaarii shantama liqeeffate.
[42] Jarri lachuu waan isaaf kaffalan dhabnaan dhiiseef. Egaa jara lamaan keessaa kamtu caalaa isa jaallata?”
[43] Simoonis deebisee, “Isa liqiin guddaan dhiifameef sana natti fakkaata” jedheen. Yesuusis, “Ati dhugaa dubbatte” isaan jedhe.
[44] Innis gara dubartittiitti garagalee Simooniin akkana jedhe; “Dubartii kana argitaa? Ani mana kee nan dhufe. Ati bishaan miillaa illee naaf hin kennine; isheen garuu imimmaan isheetiin miilla koo dhiqxee rifeensa mataa isheetiin haqxe.
[45] Ati na hin dhunganne; dubartiin kun garuu yeroo ani ol seenee jalqabdee miilla koo dhungachuu hin dhiifne.
[46] Ati Zayitii iyyuu mataa koo hin dibne; isheen garuu miilla koo shittoo dibde.
[47] Kanaafuu ani sittin hima; sababii jaalalli ishee guddaa taʼeef cubbuun ishee baayʼeen sun isheef dhiifameera. Kan xinnoon dhiifameef garuu jaalalli isaa xinnoo dha.”
[48] Yesuusis dubartittiidhaan, “Cubbuun kee siif dhiifameera” jedhe.
[49] Warri isa wajjin maaddiitti dhiʼaatanii turanis, “Namni cubbuu iyyuu namaa dhiisu kun eenyu?” jedhanii garaa isaaniitti yaaduu jalqaban.
[50] Yesuusis dubartittiidhaan, “Amantiin kee si fayyiseera; nagaan deemi” jedhe.