Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 11:59

[1] Namoonni baayʼeen seenaa wantoota nu gidduutti raawwatame sanaa barreessuu yaalaniiru;

[2] kunis akka warri jalqabaa kaasanii ijaan arganii fi tajaajiltoota dubbichaa turan sun nutti dabarsanii kennanitti.

[3] Kanaafuu yaa Tewofilos kabajamaa, anis jalqabumaa kaasee waan hundumaa sirriitti ergan qoradhee booddee seenaa sana wal duraa duubaan siif barreessuun waan gaarii natti fakkaateera.

[4] Kunis akka wanni ati baratte sun dhugaa taʼe akka beektuuf.

[5] Bara Heroodis mootii Yihuudaa turetti ramaddii lubummaa Abiyaa keessaa luba Zakkaariyaas jedhamu tokkotu ture; niitiin isaa Elsaabeexis sanyii Aroon.

[6] Lamaan isaanii iyyuu ajajaa fi seera Gooftaa hunda mudaa malee eeguudhaan fuula Waaqaa duratti qajeeltota turan.

[7] Garuu Elsaabeex waan dhabduu turteef ijoollee hin qaban ture; lamaan isaanii iyyuu dulloomanii turan.

[8] Zakkaariyaasis dabareen garee isaa geenyaan utuu fuula Waaqaa duratti tajaajila lubummaa isaa kennaa jiruu,

[9] akkuma duudhaa lubummaatti akka mana qulqullummaa Gooftaa seenee ixaana aarsuuf ixaadhaan filatame.

[10] Yeroo ixaanni aarfamuttis namoonni baayʼeen alatti kadhachaa turan.

[11] Ergamaan Gooftaas iddoo aarsaa ixaanaatiin mirga dhaabatee Zakkaariyaasitti mulʼate.

[12] Zakkaariyaasis yommuu isa argetti ni rifate; sodaanis isa qabate.

[13] Ergamaan sun garuu akkana isaan jedhe; “Yaa Zakkaariyaas, hin sodaatin; kadhannaan kee dhagaʼameera. Niitiin kee Elsaabeex ilma siif deessi; atis maqaa isaa Yohannis jedhii moggaasi.

[14] Ati ilillee fi gammachuu ni qabaatta; namoonni baayʼeenis dhalachuu isaatti ni gammadu;

[15] inni fuula Gooftaa duratti guddaa taʼaatii. Daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu gonkumaa dhuguu hin qabu; utuma garaa haadha isaa keessa jiruus Hafuura Qulqulluudhaan ni guutama.

[16] Saba Israaʼel keessaas namoota baayʼee gara Gooftaa, gara Waaqa isaaniitti ni deebisa.

[17] Innis saba Gooftaaf qophaaʼe tokko kurfeessuuf jedhee garaa abbootii gara ijoollee isaaniitti, warra hin ajajamne immoo gara ogummaa qajeeltotaatti deebisuuf hafuuraa fi humna Eeliyaasiin fuula Gooftaa dura ni deema.”

[18] Zakkaariyaasis, “Ani akkamittin kana beeka? Ani dulloomeera; umuriin niitii kootiis deemee jira” jedhee ergamaa sana gaafate.

[19] Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Ani Gabriʼeel isa fuula Waaqaa dura dhaabatuu dha; anis sitti dubbachuu fi oduu gammachiisaa kana sitti himuuf ergameera.

[20] Kunoo, ati sababii dubbii koo isa yeroo isaatti mirkanaaʼu hin amaniniif hamma gaafa wanni kun taʼuutti ni duudda; dubbachuus hin dandeessu.”

[21] Uummannis yeroo sana sababii Zakkaariyaas yeroo akkas dheeratu mana qulqullummaa keessa tureef dinqifachaa isa eegaa ture.

[22] Garuu Zakkaariyaas yommuu gad baʼetti waan isaanitti dubbachuu hin dandaʼiiniif isaan akka inni mana qulqullummaa keessatti mulʼata wayii arge hubatan; innis mallattoon isaanitti himaa ture malee dubbachuu hin dandeenye.

[23] Innis yommuu yeroon tajaajila isaa raawwatetti gara mana isaatti deebiʼe.

[24] Ergasii niitiin isaa Elsaabeex ulfooftee hamma jiʼa shaniitti manaa hin baane.

[25] Isheenis, “Gooftaan salphina namoota gidduutti narra ture narraa kaasuuf jedhee guyyaa arjummaan na yaadatetti waan kana naa godhe” jette.

[26] Jiʼa jaʼaffaattis Gabriʼeel Ergamichi Waaqa biraa gara magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessatti argamtuutti ergame;

[27] innis gara durba namichi sanyii Daawit irraa dhalate kan maqaan isaa Yoosef jedhamu tokkoof kaadhimamtee dhufe. Maqaan durba qulqullittii sanaas Maariyaam ture.

[28] Ergamaan Waaqaa sunis gara ishee dhaqee, “Yaa ishee surraa argatte; nagaan siif haa taʼu! Gooftaan si wajjin jira” jedhe.

[29] Maariyaam garuu dubbii ergamaa sanaatiin akka malee jeeqamtee, “Kun nagaa akkamiitii?” jettee yaadde.

[30] Ergamichi garuu akkana isheedhaan jedhe; “Yaa Maariyaam, hin sodaatin; ati Waaqa biraa surraa argatteertaatii.

[31] Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaafta.

[32] Innis guddaa ni taʼa; Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Waaqni Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawit ni kennaaf;

[33] inni mana Yaaqoob irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu.”

[34] Maariyaamis, “Ani durba; yoos wanni kun akkamitti taʼuu dandaʼa ree?” jettee ergamaa sana gaafatte.

[35] Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Waaqa Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Waaqaa ni jedhama.

[36] Kunoo, firri kee Elsaabeexi iyyuu dulluma ishee keessa ilma ulfoofteerti; isheen dhabduu jedhamaa turte sun jiʼa jaʼaffaa qabatteerti.

[37] Wanni Waaqaaf hin dandaʼamne hin jiruutii.”

[38] Maariyaamis, “Kunoo, ani garbittii Gooftaa ti. Akkuma ati dubbatte naaf haa taʼu” jetteen. Ergamichis ishee dhiisee deeme.

[39] Yeroo sana Maariyaam kaatee ariitiidhaan gara magaalaa baddaa biyya Yihuudaa tokkoo dhaqxe.

[40] Isheenis mana Zakkaariyaas seentee Elsaabeexin nagaa gaafatte.

[41] Elsaabeexis yommuu nagaa Maariyaam dhageessetti mucaan sun gadameessa ishee keessa uʼutaale. Elsaabeexis Hafuura Qulqulluudhaan ni guutamte.

[42] Isheenis sagalee ishee ol fudhattee iyyitee akkana jette; “Ati dubartoota keessaa eebbifamtuu dha; mucaan ati deessus eebbifamaa dha.

[43] Garuu akka haati Gooftaa koo gara koo dhuftuuf arjummaan akkanaa akkamitti naa godhame?

[44] Kunoo, akkuma sagaleen nagaa keetii gurra koo seeneen ulfi gadameessa koo keessa jiru gammachuun utaaleera.

[45] Wanni Gooftaan isheetti dubbate akka raawwatamu kan amante isheen eebbifamtuu dha!”

[46] Maariyaamis akkana jette: “Lubbuun koo Gooftaadhaaf ulfina kenniti;

[47] hafuurri koos fayyisaa koo Waaqatti ni gammada;

[48] inni salphina garbittii isaa argeeraatii. Kunoo ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu eebbifamtuu naan jedha;

[49] Inni humna qabeessi sun waan guddaa naa godheeraatii; maqaan isaa qulqulluu dha.

[50] Araarri isaas warra isa sodaataniif dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufa.

[51] Inni irree isaatiin hojiiwwan gurguddaa hojjeteera; of tuultotas yaada garaa isaaniitiin bittinneesseera.

[52] Bulchitoota teessoo isaanii irraa buuseera; gad of qabeeyyii garuu ol kaaseera.

[53] Warra beelaʼan waan gaariidhaan quufseera; sooreyyii garuu harka duwwaa deebiseera.

[54] Inni araara qabeessa taʼuu isaa yaadachaa garbicha isaa Israaʼelin gargaareera;

[55] kunis akkuma inni abbootii keenyaaf, Abrahaamii fi sanyii isaatiif bara baraan waadaa galetti.”

[56] Maariyaamis gara jiʼa sadii Elsaabeexi bira turtee gara mana ofii isheetti deebite.

[57] Elsaabeexi yeroon daʼumsa ishee geenyaan ilma deesse.

[58] Olloonni isheetii fi firoonni ishee akka Gooftaan araara guddaa isheef godhe dhagaʼanii ishee wajjin gammadan.

[59] Isaanis guyyaa saddeettaffaatti daaʼima sana dhagna qabuu dhufan; Zakkaariyaas jedhaniis maqaa abbaa isaatiin isa moggaasuu fedhan.

[60] Haati isaa garuu, “Lakkii! Inni Yohannis jedhamee waamamuu qaba” jette.

[61] Isaanis, “Firoota kee keessa namni maqaa akkanaa qabu tokko iyyuu hin jiru” jedhaniin.

[62] Namoonni sunis akka Zakkaariyaas eenyu jedhee daaʼima sana waamuu barbaadu beekuuf jedhanii mallattoon isa gaafatan.

[63] Innis gabatee irratti barreessu kadhatee, “Maqaan isaa Yohannis” jedhee barreesse; hundi isaaniis ni dinqifatan.

[64] Yommusuma afaan isaa banamee arrabni isaa hiikame; innis Waaqa galateeffachuudhaan dubbachuu jalqabe.

[65] Olloonni isaanii hundinuu sodaadhaan guutaman; wanni kunis baddaa biyya Yihuudaa hunda keessatti odeeffame.

[66] Warri kana dhagaʼan hundinuus, “Yoos daaʼimni kun nama akkamii taʼinna laata?” jedhanii garaa isaaniitti dinqifatan. Harki Gooftaa isa wajjin tureetii.

[67] Zakkaariyaas abbaan Yohannis Hafuura Qulqulluudhaan guutamee akkana jedhees raajii dubbate:

[68] “Sababii dhufee saba isaa fureef Gooftaan, Waaqni Israaʼel haa eebbifamu.

[69] Inni mana garbicha isaa mana Daawit keessatti gaanfa fayyinaa nuuf kaaseera;

[70] akkuma afaan raajota isaa qulqulloota duriitiin dubbatetti

[71] diinota keenya jalaa, harka warra nu jibban hundumaa keessaas nu baasuuf jedhee

[72] araara abbootii keenyaaf waadaa gale sana raawwachuudhaaf, kakuu isaa qulqulluu,

[73] inni abbaa keenya Abrahaamiif kakate yaadachuudhaaf,

[74] harka diinota keenyaa keessaa nu baasuudhaaf, akka nu sodaa malee isa tajaajillu nu dandeessisuudhaaf,

[75] akka nu bara jireenya keenyaa guutuu qulqullinaa fi qajeelinaan, fuula isaa duratti tajaajilluuf waan kana godhe.

[76] “Yaa mucaa ko, ati raajii Waaqa Waan Hundaa Olii ni jedhamta; ati karaa isaa qopheessuuf fuula Gooftaa dura ni deemtaatii;

[77] kunis akka ati dhiifama cubbuu argachuu isaaniitiin beekumsa fayyinaa saba isaatiif kennituuf;

[78] sababii araara Waaqa keenyaa kan gara laafinaan guutame kan bariin fayyinaa samii irraa ittiin nuu bariʼuu,

[79] warra dukkana keessa, gaaddidduu duʼaa jala jiraniif akka ifa kennuuf; miilla keenyas karaa nagaa irra deemsisuuf.”

[80] Mucichis guddatee hafuuraan jabaachaa deeme; hamma guyyaa saba Israaʼelitti mulʼateettis gammoojjii keessa jiraate.

Wangeela Luqaas — Chapters