Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:55

[1] Kanaafuu kottaa barsiisa waaʼee Kiristoos isa jalqabaa sana dhiifnee gara bilchinaatti dabarraa; waaʼee hojii gara duʼaatti nama geessuu irraa deebiʼuu fi waaʼee Waaqatti amanuu lammata hundee hin buufnu;

[2] akkasumas barsiisa waaʼee cuuphaa, waaʼee harka nama irra kaaʼuu, waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼaniitii fi waaʼee murtii bara baraa ammas hundee hin buufnu.

[3] Nus yoo Waaqni jedhe waan kana ni goona.

[4] Warra yeroo tokko ifni ifeefii kennaa samii dhandhamatan, kanneen Hafuura Qulqulluu irraa qooddatan,

[5] warra gaarummaa dubbii Waaqaatii fi humna bara dhufuuf jiru sanaa dhandhamatanii

[6] ergasii garuu amantii irraa gara galan, gara qalbii jijjiirrannaatti isaan fiduun hin dandaʼamu; sababiin isaas isaan fedhuma isaaniitiin deebisanii Ilma Waaqaa ni fannisu; fuula namootaa durattis salphinatti isa saaxilu.

[7] Lafti bokkaa yeroo baayʼee irratti roobu dhugdee warra ishee qotataniif midhaan fayyadu kennitu eebba Waaqaa argatti.

[8] Lafti qoraattii fi sokorruu biqilchitu garuu faayidaa hin qabdu; abaaramuus geesseerti. Dhumni ishees gubamuu dha.

[9] Yaa michoota jaallatamtoota, nu yoo akkana dubbanne illee waaʼee keessan waan wayyu, waan fayyina wajjin deemus akka qabdan mirkaneeffanneerra.

[10] Waaqni qulqulloota tajaajiluu keessanii fi ammas tajaajiluu keessaniin hojii isin hojjettanii fi jaalala maqaa isaatiif argisiiftan irraanfachuuf jalʼaa mitiitii.

[11] Nus akka tokkoon tokkoon keessan abdii keessan mirkaneessitanii hamma dhumaatti tattaaffii akkanaa argisiiftan barbaanna.

[12] Nu akka isin fakkeenya warra amantii fi obsaan waan waadaa galame sana dhaalanii duukaa buutan barbaanna malee akka isin dhibaaʼoo taatan hin barbaannu.

[13] Waaqni yeroo Abrahaamiif waadaa galetti kan isa caalu kan inni ittiin kakatu tokko iyyuu waan hin jirreef matuma ofiitiin kakate.

[14] Innis, “Ani dhugumaan eebba, sin eebbisa; baayʼisuus si baayʼisa” jedha.

[15] Kanaafuu Abrahaam obsaan eeggatee waan waadaa galame sana argate.

[16] Namoonni kan isaan caaluun kakatu; kakuun sunis waan jedhame sana mirkaneessee akka falmiin hundumtuu fiixaan baʼu godha.

[17] Waaqni haala kaayyoo isaa kan hin geeddaramne sana caalaatti ibsee warra waadaa dhaalanitti argisiisuu waan barbaadeef waadaa sana kakuudhaan cimse.

[18] Egaa waan hin geeddaramne kan Waaqni waaʼee isaanii sobuu hin dandeenye lamatu jira; kanaafuu nu warri isatti baqanne abdii fuula keenya dura kaaʼame sana jabeessinee qabachuuf jajjabina guddaa qabna.

[19] Nus abdii kana akka hiituu dooniitti lubbuuf qabna. Abdiin kunis iddoo qulqulluu golgaa duuba jiru sana ol seena;

[20] iddoon kunis kan Yesuus iddoo keenya buʼee nu dursee itti ol seenee dha. Innis akka sirna Malkiiseedeqitti luba ol aanaa bara baraa taʼeera.

Ibroota — Chapters