[1] Akka obbolootaatti wal jaallachuu itti fufaa.
[2] Keessumoota simachuu hin irraanfatinaa; namoonni tokko tokko akkasiin utuu hin beekin ergamoota Waaqaa simataniiruutii.
[3] Warra mana hidhaa jiran akka waan isaan wajjin hidhamtaniitti, warra dhiphina keessa jiranis akka waan ofii dhiphattaniitti yaadadhaa.
[4] Fuudhaa fi heerumni nama hunda biratti haa kabajamu; sireen fuudhaa fi heerumaas qulqulluu haa taʼu; Waaqni ejjitootaa fi sagaagaltootatti ni muraatii.
[5] Jireenya keessan jaalala maallaqaa irraa jabeessaa eeggadhaa; wanni qabdan isin haa gaʼu; Waaqni, “Ani gonkumaa si hin dhiisu; gonkumaas si hin gatu” jedheeraatii.
[6] Kanaaf nu ija jabinaan, “Gooftaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?” jenna.
[7] Hooggantoota keessan warra dubbii Waaqaa isinitti himanii turan sana yaadadhaa. Waan jireenya isaanii irraa argames ilaalaa; amantii isaanii duukaa buʼaa.
[8] Yesuus Kiristoos kaleessa, harʼa, bara baraanis sanuma.
[9] Barsiisa gosa hundumaa kan keessummaa taʼeen hin fudhataminaa. Garaan keenyas sirna waaʼee nyaataatiin utuu hin taʼin ayyaanaan jabina argachuu qaba; sirni waaʼee nyaataa warra isa kabajan iyyuu hin fayyadu.
[10] Nu iddoo aarsaa kan warri dunkaana qulqulluu keessa tajaajilan irraa nyaachuuf mirga hin qabne tokko qabna.
[11] Lubni ol aanaan dhiiga horii qabatee sababii cubbuutiif aarsaa dhiʼeessuuf jedhee Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana seena; foon horii sanaas qubata keessaa gad baafamee gubama.
[12] Kanaafuu Yesuusis dhiiga ofiitiin saba qulqulleessuuf jedhee karra magaalattiitiin alatti dhiphate.
[13] Egaa kottaa nus salphina inni baate sana baannee iddoo qubataatiin ala gara isaa haa dhaqnu.
[14] Nu magaalaa dhufuuf jirtu eegganna malee magaalaa bara baraa asii hin qabnuutii.
[15] Kanaafuu kottaa utuu gargar hin kutin karaa Yesuusiitiin aarsaa galataa Waaqaaf haa dhiʼeessinu; aarsaan kunis dubbii maqaa isaa beeksisuuf afaan keenya keessaa baʼuu dha.
[16] Waan gaarii gochuu fi waan qabdanis namaan gaʼuu hin dhiisinaa; Waaqni aarsaa akkasiitti gammadaatii.
[17] Hooggantoota keessaniif ajajamaa; isaaniifis bulaa. Isaan waan itti gaafatamtoota lubbuu keessanii taʼaniif isin eegu; kanas utuu gaddaan hin taʼin akka isaan gammachuun hojjetaniif isaaniif ajajamaa; yoo isaan gaddaan hojjetan isin hin fayyaduutii.
[18] Isin Waaqa nuu kadhadhaa. Nu akka karaa hundumaan qalbii qulqulluu qabnuu fi akka jireenya kabajamaa jiraachuu hawwinu mirkaneeffanneerra.
[19] Keessumattuu akka ani dafee deebiʼee gara keessan dhufuuf akka Waaqa kadhattan isin gorsa.
[20] Waaqni nagaa inni karaa dhiiga kakuu bara baraatiin Gooftaa keenya Yesuus, Tiksee hoolotaa guddicha sana warra duʼan keessaa kaase sun,
[21] akka isin fedhii isaa raawwattaniif waan gaarii hundaan isin haa qopheessu; innis karaa Yesuus Kiristoosiitiin waan isa gammachiisu nu keessatti haa hojjetu; ulfinni bara baraa hamma bara baraatti Yesuus Kiristoosiif haa taʼu. Ameen.
[22] Yaa obboloota nana, ani waan xalayaa gabaabaa isinii barreesseef, akka isin ergaa gorsaa kana obsaan fudhattan isin kadhadha.
[23] Akka obboleessi keenya Xiimotewos mana hidhaatii hiikame akka beektan nan barbaada. Yoo inni dafee as dhufe ani isin arguuf isa wajjin nan dhufa.
[24] Hooggantoota keessan hundaa fi qulqulloota hundatti nagaa naa himaa. Warri Iixaaliyaa irraa dhufanis nagaa isinii dhaamu.
[25] Ayyaanni isin hunda wajjin haa taʼu.