[1] Akka bilisummaan jiraannuuf Kiristoos bilisa nu baase. Kanaafuu jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaatiin hin qabaminaa.
[2] Kunoo, dhagna yoo qabattan Kiristoos waan tokko akka isin hin fayyadne ani Phaawulos isinitti nan hima.
[3] Namni dhagna qabatu hundinuu akka guutummaatti seera eeguun dirqama isaa taʼe ani amma illee nan mirkaneessaaf.
[4] Isin warri seeraan qajeeltota taasifamuu barbaaddan Kiristoos irraa gargar baataniirtu; ayyaana irraas kuftaniirtu.
[5] Nu garuu qajeelummaa abdannu sana karaa Hafuuraatiin hawwiidhaan amantiin eegganna.
[6] Kiristoos Yesuusitti jiraannaan dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa tokko illee hin qabuutii. Wanni gatii qabu amantii jaalalaan of mulʼisu qofa.
[7] Isin fiigicha gaarii fiigaa turtan. Eenyutu gufuu isinitti taʼee dhugaadhaaf ajajamuu isin dhowwe ree?
[8] Sossobbiin akkasii isa isin waame sana biraa hin dhufu.
[9] “Raacitiin xinnoon bukoo guutuu ni bukeessa.”
[10] Ani akka isin yaada biraa hin qabaanne karaa Gooftaatiin isin amanadha. Abbaa fedhe illee taanaan namni isin jeequu murtii ni argata.
[11] Yaa obboloota, ani amma iyyuu yoon dhagna qabaa lallabaa jiraadhee ani amma iyyuu maaliifin ariʼatama ree? Yoo akkas taʼee immoo fannoon gufuu taʼuun isaa ni hafa ture!
[12] Warri isin jeeqan sun dhagna qabachuu qofa utuu hin taʼin utuu of irraa muranii iyyuu nan hawwa!
[13] Yaa obboloota ko, isin akka bilisa taataniif waamamtan. Jaalalaan wal tajaajilaa malee bilisummaa keessan fedhii foonii guutuuf hin oolchinaa.
[14] Seerri guutuun ajaja tokkicha, “Ollaa kee akka ofii keetiitti jaalladhu” jedhuun xumurameeraatii.
[15] Garuu isin yoo wal ciniinuu fi wal nyaachuutti fuftan akka wal hin balleessineef of eeggadhaa.
[16] Kanaafuu ani, “Hafuuraan jiraadhaa; yoos hawwii foonii hin guuttaniitii” jedha.
[17] Foon Hafuuraan ni mormaatii; Hafuurris fooniin ni morma. Isaan akka isin waan hojjechuu barbaaddan hin hojjenneef wal mormu.
[18] Isin garuu Hafuuraan yoo geggeeffamtan seera jala hin jirtan.
[19] Hojiiwwan fooniis beekamoo dha; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa fi jireenya gad dhiisii,
[20] waaqota tolfamoo waaqeffachuu, falfala hojjechuu, jibba, aarii, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, wal loluu, gargar baʼuu,
[21] weennoo, machii, addaggummaa fi kanneen kana fakkaatan. Ani akkuman kanaan dura godhe sana akka warri waan akkanaa hojjetan mootummaa Waaqaa hin dhaalle isinin akeekkachiisa.
[22] Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa,
[23] garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.
[24] Warri kan Kiristoos Yesuus taʼan immoo foon fedhii isaatii fi hawwii isaa wajjin fannisaniiru.
[25] Nu erga Hafuuraan jiraannee kottaa Hafuuraan haa deddeebinu.
[26] Kottaa of hin tuulluu; wal hin aarsinuu; walittis hin hinaafnuu.