Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:44

[1] Yaa warra Galaatiyaa gowwoota! Eenyutu falfala isinitti hojjete? Yesuus Kiristoos akka waan ijuma keessan duratti fannifameetti mulʼifamee hin turree?

[2] Ani waan tokko qofa isin irraa barachuu nan barbaada: Isin seera eeguun moo waan dhageessan amanuun Hafuura Qulqulluu argattan?

[3] Isin akkas gowwaadhaa? Hafuura Qulqulluudhaan jalqabdanii amma immoo fooniin fixxuu ree?

[4] Kun dhugumaan iyyuu waan hin fayyadne taanaan isin waanuma hin fayyadneef hammana dhiphattanii ree?

[5] Wanni Waaqni Hafuura isaa isinii kennee hojii dinqii gidduu keessanitti hojjetuuf sababii isin seera eegdaniif moo sababii isin waan dhageessan amantaniif?

[6] Akkasumas Abrahaam, “Waaqa amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef.”

[7] Kanaafuu warri amanan ijoollee Abrahaam akka taʼan hubadhaa.

[8] Katabbiin Qulqulluun akka Waaqni amantiin Namoota Ormaa qajeeltota taasisu duraan dursee argee, “Sabni hundinuu karaa keetiin eebbifama” jedhee duraan dursee Abrahaamitti wangeela lallabe.

[9] Kanaaf warri amantii qaban, Abrahaam nama amantii sana wajjin eebbifaman.

[10] Warri seera eeguu isaanii abdatan hundinuu abaarsa jala jiru; “Namni waan Kitaaba Seeraa keessatti barreeffame hundaaf itti fufee hin ajajamne kam iyyuu abaaramaa dha” jedhamee barreeffameeraatii.

[11] Waan, “Namni qajeelaan amantiidhaan jiraatuuf” akka eenyu iyyuu fuula Waaqaa duratti seeraan qajeelaa hin taasifamne ifa.

[12] Seerri amantii irratti hin hundeeffamne; inni garuu, “Namni waan seerri ajaju godhu ittiin jiraata” jedha.

[13] Waan, “Namni muka irratti fannifamu kam iyyuu abaaramaa dha” jedhamee barreeffameef, Kiristoos nuuf jedhee abaarsa taʼuudhaan abaarsa seeraa irraa nu fure.

[14] Inni akka nu amantiin Hafuura Qulqulluu waadaa kenname sana argannuuf, akka eebbi Abrahaamiif kenname sun karaa Kiristoos Yesuusiin gara Namoota Ormaa dhufuuf nu fure.

[15] Yaa obboloota, ani akka namaattin dubbadha. Kakuun namaa iyyuu erga yeroo tokko mirkaneeffamee booddee eenyu iyyuu hin tuffatu yookaan itti hin dabalu.

[16] Egaa Abrahaamii fi sanyii isaatiif waadaan galameera. Katabbiin Qulqulluun, akka waan nama hedduuf dubbatameetti, “Sanyiiwwan” hin jedhu; garuu akka waan nama tokkoof dubbatameetti, “Sanyii keetiif” jedha; innis Kiristoos.

[17] Wanni ani jedhus kana: Seerri waggaa 430 booddee dhufe sun kakuu Waaqni duraan dursee gale diigee akkasiin waadaa sana hin balleessu.

[18] Dhaalli utuu karaa seeraatiin taʼee siʼachi waadaadhaan hin taʼu ture; Waaqni garuu ayyaana isaatiin waadaadhaan Abrahaamiif dhaala kenne.

[19] Yoos seerri maaliif kenname ree? Seerri sababii yakka hamma Sanyiin waadaan kennameef sun dhufutti tureetiif kenname. Seerri sunis karaa ergamootaatiin harka araarsaa gidduu galeessa tokkootiin hojii irra oolfame.

[20] Taʼus araarsaan gidduu galeessi tokko garee tokko qofaaf hin dhaabatu; Waaqni garuu tokkichuma.

[21] Kanaafuu seerri waadaa Waaqaatiin mormaa ree? Gonkumaa akkas miti! Utuu seerri jireenya kennuu dandaʼu kennamee jiraatee silaa qajeelummaan dhugumaan seeraan argama tureetii.

[22] Katabbiin Qulqulluun garuu akka wanni karaa Yesuus Kiristoositti amanuutiin waadaa galame sun warra amananiif kennamuuf waan hundumaa cubbuu akka hidhamaa godhe labsa.

[23] Utuu amantiin hin dhufiniin dura hamma amantiin mulʼifamutti seera jalatti hidhamnee nutti cufamee turre.

[24] Kanaafuu akka nu amantiin qajeeltota taasifamnuuf Kiristoositti nu geessuuf seerri guddiftuu keenya ture.

[25] Amma garuu waan amantiin dhufeef nu siʼachi guddiftuu jala hin jiraannu.

[26] Hundi keessan amantii Kiristoos Yesuusitti qabdaniin ijoollee Waaqaa ti;

[27] isin warri Kiristoositti cuuphamtan hundi Kiristoosin uffattaniirtuutii.

[28] Yihuudii yookaan Giriik, garba yookaan birmaduu, dhiira yookaan dubartii jechuun hin jiru; hundi keessan Kiristoos Yesuusiin tokkumaatii.

[29] Erga kan Kiristoos taatanii yoos isin sanyii Abrahaam; akka waadaattis dhaaltota.

Galaatiyaa — Chapters