Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:33

[1] Yaa obboloota, waaʼee ayyaana Waaqni waldoota kiristaanaa Maqedooniyaatiif kennee isin akka beektan ni barbaanna.

[2] Isaanis utuu dhiphina baayʼeen qoramuutti jiranuu, baayʼinni gammachuu isaaniitii fi akka malee deeguun isaanii arjummaa isaanii baayʼiseera.

[3] Ani akka isaan hamma dandeettii isaanii, dandeettii isaaniitii olis fedhii isaaniitiin kennan dhugaa nan baʼaatii. Isaan guutumaan guutuutti ofuma isaaniitiin

[4] carraa qulqulloota tajaajiluu kana keessatti akka hirmaatan cimsanii nu kadhatan.

[5] Isaan garuu duraan dursanii Gooftaaf, ergasii immoo fedhii Waaqaatiin nuuf of kennan malee akka nu eegne hin goone.

[6] Kanaafuu Tiitoon akkuma duraan jalqabe sana hojii arjummaa kana gama keessaniin akka fiixaan baasuuf isa kadhanne.

[7] Isin garuu akkuma waan hundaan jechuunis amantiin, dubbiin, beekumsaan, tattaaffii guutuu fi jaalala nuuf qabdaniin caaltan sana, kennaa arjummaa kaaniinis akka caaltan mirkaneessaa.

[8] Ani tattaaffii namoota kaaniitiin wal bira qabee jaalalli keessan dhugaa taʼuu isaa qoruu barbaadeeti malee isin ajajaa hin jiru.

[9] Isin ayyaana Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos ni beektuutii; inni utuu sooressa taʼee jiruu akka isin hiyyummaa isaatiin sooromtaniif isiniif jedhee hiyyoome.

[10] Waan kana irratti gorsi ani waaʼee waan hunda caalaa isiniif wayyuu irratti kennu kanaa dha. Isin waggaa darbe kennuu qofaan utuu hin taʼin fedhii kennuuf qabdaniinis kanneen jalqabaa turtan.

[11] Ammas fedhiin cimaan isin hojii sanaaf qabdan isa fiixa baasuu keessaniin akka mirkanaaʼuuf waanuma qabdaniin hojii sana fiixaan baasaa.

[12] Erga fedhiin jiraate kennaan sun akkuma waan namni qabuutti fudhatama malee akka waan namni hin qabneetti miti.

[13] Fedhiin keenya akka isin rakkattanii warra kaanitti immoo toluuf utuu hin taʼin akka wal qixxummaan jiraatuuf.

[14] Akka wanti isaan irraa hafu hirʼina keessan guutuuf, yeroo ammaa wanti isin irraa hafu hirʼina isaanii ni guuta. Yoos wal qixxummaan ni jiraata;

[15] kunis akkuma, “Isa baayʼee walitti qabateef baayʼeen hin hafne; isa xinnoo walitti qabatettis wanni tokko iyyuu hin hirʼanne” jedhamee barreeffamee dha.

[16] Waaqa yaaduma ani isiniif qabu garaa Tiitoo keessa kaaʼe sana nan galateeffadha.

[17] Tiitoon gorsa keenya fudhachuu qofaan utuu hin taʼin fedhii guddaan ofuma isaatiin kaʼee gara keessan dhufaa jiraatii.

[18] Nus obboleessa tajaajila wangeelaatiin waldoota kiristaanaa hundaan jajame sana isa wajjin ni ergina.

[19] Kana malees inni hojii nu ulfina Gooftaatii fi fedhii gaarii qabnu mulʼisuuf hojjennu keessatti akka nu wajjin deemuuf waldoota kiristaanaatiin filatameera.

[20] Nu kennaa arjummaa kana hojii irra oolchuu keessatti akka namni kam iyyuu maqaa nu hin balleessine of eegganna.

[21] Nu utuu fuula Gooftaa qofa duratti hin taʼin fuula namootaa durattis waan qajeelaa hojjechuuf tattaaffanna.

[22] Kana malees obboleessa keenya isa nu yeroo baayʼee waan hedduun qorree nama hisataa taʼuu isaa mirkaneeffanne sana isaan wajjin ergineerra; innis waan amantii guddaa isin irraa qabuuf kan duraa caalaa ni yaada.

[23] Waaʼee Tiitoo irratti, inni garee koo kan na wajjin isin gidduu hojjetuu dha; waaʼee obboloota keenyaa immoo isaan bakka buʼoota waldoota kiristaanaatii fi ulfina Kiristoos.

[24] Kanaafuu akka waldoonni kiristaanaa arguu dandaʼaniif dhugaa jaalala keessaniitii fi sababii nu isiniin of jajnuuf namoota kanneenitti argisiisaa.

Qorontos Lammaffaa — Chapters