Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:14

[1] Kanaafuu nu araara Waaqaatiin tajaajila kana waan qabnuuf abdii hin kutannu.

[2] Nu waan dhoksaa taʼee fi waan nama qaanessu dhiifneerra; namas hin gowwoomsinu; dubbii Waaqaas hin micciirru. Garuu dhugaa ifatti baafnee dubbachuudhaan fuula Waaqaa duratti qalbii nama hundumaatti of dhiʼeessina.

[3] Wangeelli keenya yoo haguugame illee warra baduutti jiran jalaa haguugama;

[4] Waaqni addunyaa kanaa akka namoonni hin amanin ifa wangeela ulfina Kiristoos isa fakkaattii Waaqaa taʼe sanaa arguu hin dandeenyeef qalbii isaanii jaamseera.

[5] Nu akka Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼe lallabna malee of hin lallabnu; nu mataan keenya Yesuusiif jennee tajaajiltoota keessan.

[6] Waaqni, “Dukkana keessaa ifni haa ifu” jedhe sun akka fuula Kiristoos irraa ifa beekumsa ulfina Waaqaa nuu kennuuf ifa isaa garaa keenya keessatti ibseeraatii.

[7] Garuu akka humni waan hunda caalu kun Waaqa irraa malee nu biraa hin dhufin argisiisuuf nu badhaadhummaa kana qodaa suphee keessaa qabna.

[8] Nu karaa hundaan ni dhiibamna; garuu hin caccabnu; ni burjaajofna; garuu abdii hin kutannu;

[9] ni ariʼatamna, garuu hin gatamnu; lafaan dhaʼamna, garuu hin badnu.

[10] Akka jireenyi Yesuus dhagna keenyaan mulʼifamuuf nu yeroo hunda duʼa Yesuus dhagna keenyatti baannee deemna.

[11] Nu warri lubbuun jirru akka jireenyi isaa foon keenya kan duʼu keessaan mulʼifamuuf yeroo hunda Yesuusiif jennee duʼatti dabarfamnee kennamnaatii.

[12] Egaa duuti nu keessatti hojjeta; jireenyi immoo isin keessatti hojjeta.

[13] “Ani amaneera; kanaafis dubbadheera” jedhamee barreeffameera. Nu immoo sababii hafuura amantii sanaan ni amanna; kanaafis ni dubbanna;

[14] inni Gooftaa Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sun nuus Yesuus wajjin kaasee isin wajjinis fuula isaa duratti akka nu dhiʼeessu ni beekna.

[15] Ayyaanni namoota hedduu waliin gaʼaa jiru kun ulfina Waaqaatiif galata guutee dhangalaʼu akka fiduuf wanni kun hundi buʼaa keessaniif taʼe.

[16] Kanaafuu nu abdii hin kutannu. Yoo namummaan keenya inni alaan mulʼatu dhumaa deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa garuu guyyuma guyyaan haaromfamaa deema.

[17] Dhiphinni keenya inni salphaanii fi yeroodhaaf turu kun ulfina bara baraa kan waan hunda caalu nuuf fida.

[18] Kanaafuu nu waan hin mulʼanne ilaalla malee waan mulʼatu hin ilaallu. Wanti mulʼatu waan yeroo ti; wanti hin mulʼanne garuu waan bara baraatii.

Qorontos Lammaffaa — Chapters