
25 March 2026
Umruu 66tti boqotte- Barsiiftuu, guddistuu aartii Saboota Duraa adaadee Rhoda Roberts
SBS Afaan Oromoo
About
SBS keessatti bakka guddaa kan Qabdu falmattuun mirga Abbootii Dachee dubartii Widjabul Wia-bal , Adaade Rhoda Roberts, uburii ishee wagga 66tti boqochuun dhaamsa kara karaa maatii dhaqqabaa jira. Bitootessa 21, dhibee irra tureen kan boqotte adaadee Rhoda Roberts Barreessituu, taatoo fi director taatee aartii agarsiisaa fi waltajjii fi akkasumas TV irrattis tajaajila kennaa kan turte jaalala guddaa qabduun bara 2016 badhaasa Order of Australia badhaafamteetti.