Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:15

[1] Wanni lolaa fi walitti buʼuu isin gidduutti kaasu maali? Isaan hawwii isin keessatti wal lolan irraa dhufu mitii?

[2] Isin ni hawwitu; garuu hin argattan. Kanaaf ni ajjeeftu; ni hinaaftus. Garuu waan barbaaddan sana argachuu hin dandeessan. Kanaafis walitti buutu; wal loltus. Isin waan Waaqa hin kadhanneef hin qabaattan.

[3] Isin dharraa keessan hamaa guutachuuf jettanii yaada hamaan waan kadhattaniif yommuu kadhattan hin argattan.

[4] Yaa ejjitoota, addunyaatti michoomuun Waaqatti diina taʼuu akka taʼe hin beektanii? Namni michuu addunyaa taʼu kam iyyuu diina Waaqaa taʼa.

[5] Yookaan wanni Katabbiin Qulqulluun, “Hafuurri nu keessa jiraatu sun hinaaffaadhaan hawwa” jedhu akkasumaan dubbatama seetuu ree?

[6] Inni garuu ayyaana caalu nuuf kenna. Sababiin Katabbiin Qulqulluun, “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna” jedhuufis kanuma.

[7] Kanaafuu Waaqaaf bulaa. Diiyaabiloosiin immoo mormaa; innis isin baqataa.

[8] Waaqatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.

[9] Dhiphadhaa; gaddaa; booʼaas. Kolfi keessan booʼichatti, gammachuun keessan immoo gaddatti haa geeddaramu.

[10] Fuula Gooftaa duratti gad of qabaa; inni immoo ol isin qabaa.

[11] Yaa obboloota, wal hin hammeessinaa. Namni obboleessa isaa hammeessu yookaan obboleessa isaatti muru kam iyyuu seera hammeessa; seerattis ni mura. Garuu ati yoo seeratti murte seera sanatti muraa jirta malee isaaf ajajamaa hin jirtu.

[12] Inni seera tumuu fi Abbaan Murtii tokkichuma; innis isa fayyisuu fi balleessuu dandaʼuu dha. Garuu nama kaanitti muruuf ati eenyu?

[13] Egaa isin warri, “Harʼa yookaan bor magaalaa kana yookaan magaalaa sana dhaqnee waggaa tokko achi turra; daldallees buʼaa arganna” jettan mee dhagaʼaa.

[14] Isin waan bor taʼuuf jiru iyyuu hin beektan. Jireenyi keessan maal innii? Isin hurrii yeroo xinnoof mulʼattee ergasii immoo badduu dha.

[15] Qooda kanaa isin, “Yoo Gooftaan jedhe, nu ni jiraanna; waan kana yookaan waan sana ni hojjenna” jechuu qabdu.

[16] Amma garuu isin of jajuu keessanitti gammaddu. Gammachuun akkasii hundi hamaa dha.

[17] Egaa namni kam iyyuu waan gaarii hojjechuu qabu utuma beekuu yoo hojjechuu baate kun cubbuu isatti taʼa.

Yaaqoob — Chapters