Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:26

[1] Kanaafuu yaa ilma ko, ayyaana Kiristoos Yesuusiin jabaadhu.

[2] Waan fuula dhuga baatota baayʼee duratti narraa dhageesse sana namoota amanamoo kanneen warra kaan barsiisuu dandaʼanitti imaanaa kenni.

[3] Atis akkuma loltuu jabaa kan Kiristoos Yesuusiitti nu wajjin dhiphadhu.

[4] Namni loltummaan tajaajilu kam iyyuu ajajaa isaa gammachiisuu yaala malee dhimma jireenyaatiin of hin xaxu.

[5] Akkasumas dorgomaan tokko yoo akka malutti dorgome malee gonfoo hin argatu.

[6] Qonnaan bulaan jabaatee hojjetus ija qooddachuutti nama jalqabaa taʼuu qaba.

[7] Waan ani sitti himu kana qalbeeffadhu; Gooftaan waan hunda keessatti hubannaa siif kennaatii.

[8] Yesuus Kiristoos isa warra duʼan keessaa kaafame, isa sanyii Daawit irraa dhalate yaadadhu. Kun wangeela koo

[9] kan ani isaaf jedhee akka nama yakka hojjete tokkootti hamma foncaan hidhamuutti dhiphachaafii jiruu dha. Dubbiin Waaqaa garuu hin hidhamu.

[10] Kanaafuu akka warri filataman fayyina Kiristoos Yesuusiin taʼe sana ulfina bara baraa wajjin argataniif ani isaaniif jedhee waan hundumaa nan obsa.

[11] Dubbichi amanamaan akkana jedha: Nu isa wajjin yoo duune, isa wajjin ni jiraanna;

[12] nu yoo obsine, isa wajjin ni moona. Nu yoo isa ganne, innis nu gana.

[13] Nu yoo amanamoo taʼuu baanne, inni amanamaa taʼee jiraata; inni of ganuu hin dandaʼuutii.

[14] Wantoota kanneen isaan yaadachiisi; waaʼee jechootaatiinis akka wal hin lolleef fuula Waaqaa duratti isaan akeekkachiisi; wanni akkasii warra dhagaʼan ni diiga malee waa tokko illee hin fayyaduutii.

[15] Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjetaa qoratamee fudhatame kan itti hin qaanofne taʼiitii fuula Waaqaa duratti of dhiʼeessuuf tattaaffadhu.

[16] Garuu dubbii faayidaa hin qabne irraa fagaadhu; dubbiin akkasii ittuma caalchisee nama Waaqaa taʼuu irraa nama fageessaatii.

[17] Barsiisni isaaniis akka dhukkuba gaangiriinii babalʼachaa deema. Himenewoosii fi Filexoosis isaan keessatti argamu;

[18] isaanis duʼaa kaʼuun taʼee darbeera jechuudhaan dhugaa irraa fagaataniiru. Amantii namoota tokko tokkoos ni balleessu.

[19] Garuu hundeen Waaqaa hin sochoofamne kan chaappaa, “Gooftaan warra kan isaa taʼan ni beeka,” akkanumas “Namni maqaa Gooftaa waammatu hundi hammina irraa haa deebiʼu” jedhuun chaappeffame jabaatee dhaabateera.

[20] Mana guddaa tokko keessa miʼa warqeetii fi meetii qofa utuu hin taʼin, miʼi mukaatii fi suphees jira; kana keessaas tokko tokko ulfinaaf, kaan immoo salphinaaf oola.

[21] Namni tokko yoo salphina kana irraa of qulqulleesse, inni miʼa ulfinaa kan qulqulleeffame, kan Gooftaa isaa fayyaduu fi kan hojii gaarii kam iyyuu hojjechuuf qopheeffame taʼa.

[22] Atis hawwii hamaa yeroo dargaggummaa irraa baqadhu; warra garaa qulqulluun Gooftaa waammatan wajjin qajeelummaa, amantii, jaalalaa fi nagaa duukaa buʼi.

[23] Falmii faayidaa hin qabnee fi gowwummaa keessa hin seenin; kun akka lola fidu atuu ni beektaatii.

[24] Garbichi Gooftaa kan nama hundumaaf garaa laafu, kan barsiisuu dandaʼuu fi obsa qabeessa taʼuu qaba malee kan namaan wal lolu taʼuu hin qabu.

[25] Innis akka Waaqni qalbii jijjiirrannaa gara dhugaa beekuutti isaan geessu isaaniif kennu abdachaa warra isaan morman garraamummaan sirreessuu qaba;

[26] akkasiinis isaan qalbii horatanii kiyyoo diiyaabiloos kan akka isaan fedhii isaa guutaniif isaan boojiʼe sana jalaa baʼu.

Xiimotewos Lammaffaa — Chapters