Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:34

[1] Yaa obboloota, waaʼee dhufaatii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi waaʼee isa biratti walitti qabamuu keenyaa wanni nu isin kadhannu kana;

[2] kunis raajii yookaan dubbii yookaan xalayaa akka waan nu biraa dhufeetti hedamuun akka isin guyyaan Gooftaa ammuma iyyuu dhufeera jettanii daftanii hin raafamneef yookaan hin jeeqamneef.

[3] Namni tokko iyyuu karaa kamiin iyyuu isin hin gowwoomsin; utuu fincilli dursee hin dhufin, namni cubbuu, ilmi badiisaa sun utuu hin mulʼatin guyyaan sun hin dhufuutii.

[4] Innis waan Waaqa jedhamu yookaan waan waaqeffatamu hundumaan mormee isaan irratti ol ol of qaba; “Ani Waaqa” ofiin jechuudhaanis mana qulqullummaa Waaqaa keessa taaʼa.

[5] Isin akka ani yeroo isin bira turetti waan kana isinitti himaa ture hin yaadattanii?

[6] Akka inni yeroo murteeffame sanatti mulʼatuufis waan amma isa dhowwu ni beektu.

[7] Icciitiin humna fincila sanaa amma iyyuu hojiitti jiraatii; garuu inni amma humna sana duubatti deebisu sun hamma karaa irraa fuudhamutti ittuma fufee isa dhowwa.

[8] Inni Hamaan sun ni mulʼata; Yesuus Gooftaan immoo hafuuruma afaan ofii isaatiin isa galaafata; ifa dhufaatii isaatiinis isa barbadeessa.

[9] Dhufaatiin namicha isa hamaa sanaa akkuma hojii Seexanaatti humna hundaa fi mallattoon, dinqii sobaatiinis ni taʼa;

[10] innis gowwoomsaa gosa hundaa kan warra badan sana ittiin gowwoomsuun mulʼata. Warri badan sunis sababii dhugaa silaa ittiin fayyan sana jaallachuu didaniif badu.

[11] Kanaafuu Waaqni akka isaan soba amananiif waan nama wallaalchisu isaanitti erga;

[12] kunis akka warra dhugaatti amanuu didanii jalʼinatti gammadan hundatti murtaaʼuuf.

[13] Nu garuu yaa obboloota Gooftaan jaallatamtan, sababii Waaqni warra jalqabaa godhee akka isin karaa Hafuuraan qulqulleeffamuutii fi karaa dhugaatti amanuutiin fayyitaniif isin filateef yeroo hunda Waaqa galateeffachuu qabna.

[14] Innis akka isin ulfina Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos keessatti hirmaattaniif karaa wangeela keenyaatiin kaayyoo kanaaf isin waame.

[15] Egaa yaa obboloota, jabaadhaatii dhaabadhaa; barsiisa nu karaa dubbii afaaniitiin yookaan xalayaan isin barsiifne sana jabeessaatii qabadhaa.

[16] Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos mataan isaa, Waaqni Abbaan keenya inni nu jaallatee karaa ayyaana isaatiin jajjabina bara baraatii fi abdii gaarii nuu kenne sun,

[17] hojii fi dubbii gaarii hunda keessatti garaa keessan haa jajjabeessu; isin haa cimsus.

Tasaloniiqee Lammaffaa — Chapters