[1] Jaarsicha irraa, Gara giiftii filatamtuu fi ijoollee ishee, warra ani dhugaadhaan jaalladhu, warra ana qofa utuu hin taʼin warri dhugaa beekan hundi akkasuma jaallataniitti;
[2] kunis sababii dhugaa nu keessa jiraatuu fi isa bara baraan nu wajjin jiraatu sanaatiif:
[3] Ayyaanni, araarrii fi nagaan Waaqa Abbaa biraa, Yesuus Kiristoos Ilma Abbaa biraas, dhugaa fi jaalalaan nu wajjin ni taʼa.
[4] Ani waan ijoollee kee keessaa tokko tokko akka isaan akkuma Abbaan nu ajajetti dhugaan jiraatan argeef baayʼee gammadeera.
[5] Ammas yaa giiftii jaallatamtuu, ani ajaja durumaa jalqabee nuuf kenname sana malee ajaja haaraa siif barreessuutti hin jiru. Akka wal jaallannuufis sin kadhadha.
[6] Jaalallis kana: kunis ajaja isaa eegnee jiraachuu dha. Akkuma isin durumaa jalqabdanii dhageessan sana ajajni isaa akka isin jaalalaan jiraattanii dha.
[7] Gowwoomsitoonni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe hin amanne hedduun addunyaa seenaniiru. Namni akkanaa kam iyyuu gowwoomsituu fi farra Kiristoos.
[8] Isin akka gatii guutuu argattan malee akka waan hojjettan sana hin dhabneef of eeggadhaa.
[9] Namni barsiisa Kiristoosiin hin jiraanne kan barsiisa sana keessaa baʼu kam iyyuu Waaqa hin qabu; namni barsiisa Kiristoosiin jiraatu hundinuu immoo Abbaas Ilmas qaba.
[10] Isin yoo namni kam iyyuu gara keessan dhufee garuu barsiisa kana hin fidin, mana keessanitti ol isa hin galchinaa yookaan isa hin simatinaa.
[11] Namni isa simatu kam iyyuu hojii isaa hamaa sana keessatti qooda qabaataatii.
[12] Ani waanan isiniif barreessu baayʼee qaba; taʼus waraqaa fi qalamiitti fayyadamuu hin barbaadu. Qooda kanaa akka gammachuun keenya guutuu taʼuuf ani gara keessan dhufee ifaan ifatti haasofnu abdiin qaba.
[13] Ijoolleen obboleettii kee kan filatamte sanaas nagaa siif dhaamu.