Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:00

[1] Egaa yaa obboloota, waaʼee barootaatii fi waaʼee waqtiilee waan tokko iyyuu isinii barreessuu nu hin barbaachisu;

[2] akka guyyaan Gooftaa akkuma hattuutti halkaniin dhufu isinuu sirriitti beektuutii.

[3] Utuma namoonni, “Nagaa dha; qabbanas” jedhanuu akkuma ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufu badiisni akka tasaa isaanitti dhufa; jalaas hin baʼan.

[4] Isin garuu yaa obboloota, akka guyyaan sun akkuma hattuutti isinitti hin dhufneef isin warra dukkana keessa jirtan miti.

[5] Isin hundi ijoollee ifaa ti; ijoollee guyyaatis. Nu warra halkanii yookaan warra dukkanaa miti.

[6] Egaa kottaa nu akka warra kaanii hin rafnuu; qooda kanaa kottaa ni dammaqnaa; of qabnas.

[7] Warri rafan halkaniin rafuutii; warri machaaʼanis halkaniin machaaʼu.

[8] Nu garuu waan warra guyyaa taaneef kottaa amantii fi jaalala akka qomee sibiilaatti uffannee, abdii fayyinaa immoo akka qoobii sibiilaatti kaaʼannee of qabnaa.

[9] Waaqni akka nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin fayyina argannuuf malee dheekkamsaaf nu hin filanneetii.

[10] Nu yoo dammaqne yookaan yoo rafne akka isa wajjin tokkummaan jiraannuuf inni nuuf duʼe.

[11] Kanaafuu akkuma amma gochaa jirtan kana wal jajjabeessaa; wal ijaaraas.

[12] Egaa yaa obboloota, nu akka isin warra gidduu keessanitti cimanii hojjetan, kanneen karaa Gooftaatiin isin hooggananii fi isin gorsan sana kabajjan isin kadhanna.

[13] Sababii hojii isaaniitiifis jaalalaan ulfina guddaa isaaniif kennaa. Nagaadhaanis walii wajjin jiraadhaa.

[14] Yaa obboloota, nu akka isin warra hojii hojjechuu hin jaallanne akeekkachiiftan, sodaattota jajjabeessitan, dadhaboo gargaartan, akka nama hundumaafis obsitan isin gorsina.

[15] Akka namni tokko iyyuu waan hamaaf deebii hamaa hin deebifne of eeggadhaa; qooda kanaa yeroo hunda waliif, nama hundaafis waan gaarii gochuuf carraaqaa.

[16] Yeroo hunda gammadaa;

[17] utuu gargar hin kutin kadhadhaa.

[18] Haala hundumaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; fedhiin Waaqni Kiristoos Yesuusitti isiniif qabu kanaatii.

[19] Hafuura hin dhaamsinaa;

[20] raajii hin tuffatinaa;

[21] waan hunda qoraa. Isa gaarii jabeessaatii qabadhaa.

[22] Hammina gosa hundumaa irraa fagaadhaa.

[23] Waaqni mataan isaa, Waaqni nagaa guutumaan guutuutti isin haa qulqulleessu. Hafuurri keessan, lubbuun keessanii fi dhagni keessan guutuun guyyaa Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos dhufutti mudaa irraa haa eegaman.

[24] Inni isin waamu sun amanamaa dha; waan kanas ni godha.

[25] Yaa obboloota, nuufis kadhadhaa.

[26] Dhungoo qulqulluudhaanis obboloota hunda nagaa gaafadhaa.

[27] Ani akka xalayaan kun obboloota hundaaf dubbifamu fuula Gooftaa duratti isin ajaja.

[28] Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isin wajjin haa taʼu.

Tasaloniiqee Tokkoffaa — Chapters