Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:14

[1] Kanaafuu hammina hunda, gowwoomsaa hunda, itti fakkeessummaa, weennoo fi maqaa nama balleessuu hunda of irraa fageessaa.

[2] Akka ittiin fayyina keessaniin guddattaniifis akkuma daaʼimman reefuu dhalataniitti aannan hafuuraa qulqullaaʼaa sana jabeessaa dharraʼaa;

[3] isin gaarummaa Gooftaa dhandhamattaniirtuutii.

[4] Isin erga gara isaa, gara Dhagaa jiraataa namoonni tuffatanii Waaqni garuu filate gati jabeessa sanaa dhuftanii,

[5] isinis akkuma aarsaa hafuuraa kan karaa Yesuus Kiristoosiin Waaqa biratti fudhatamaa taʼe dhiʼeessuudhaan luboota qulqullaaʼoo taʼuuf akkuma dhagaawwan jiraatootti mana hafuuraa taatanii ijaaramaa jirtu.

[6] Katabbiin Qulqulluun, “Kunoo, ani Xiyoon keessa, dhagaa tokko, dhagaa golee filatamaa gati jabeessa nan kaaʼa; namni isa amanatu kam iyyuu hin qaanaʼu” jedhaatii.

[7] Kanaafuu dhagaan kun isin warra amantaniif dhagaa gati jabeessaa dha. Warra hin amanneef garuu, “Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera.”

[8] Akkasumas, “Dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisu taʼe” jedhameera. Isaanis waan dubbii sanaaf ajajamuu didaniif gufatan; dhugumaanuu isaan kanumaaf ramadaman.

[9] Isin garuu akka galata isa dukkana keessaa gara ifa isaa dinqisiisaatti isin waame sanaa labsitaniif dhaloota filatame, luboota mootii, saba qulqulluu, saba Waaqaa kan addaa taataniirtu.

[10] Isin dur saba Waaqaa hin turre; amma garuu saba Waaqaa ti; isin dur araara hin arganne; amma garuu araara argattaniirtu.

[11] Yaa michoota jaallatamoo, isin waan addunyaa keessatti alagootaa fi keessummoota taataniif akka hawwii foonii kan lubbuu keessan lolu irraa fagaattan ani isinin gorsa.

[12] Akka ormoonni akka waan isin hammina hojjetaniitti maqaa isin balleessan sun, hojii keessan isa gaarii arganii guyyaa Waaqni nu ilaaluu dhufutti ulfina isaaf kennaniif isaan gidduutti amala gaarii qabaadhaa.

[13] Gooftaadhaaf jedhaatii taayitaa namaa hunda jalatti bulaa; mootii taayitaa ol aanaa qabu

[14] yookaan bulchitoota inni akka isaan namoota balleessaa hojjetan adabanii warra waan qajeelaa hojjetan immoo galateeffataniif erge hundumaa jalattis bulaa.

[15] Waaqni akka isin waan gaarii hojjechuudhaan haasaa wallaalummaa namoota gowwaa afaan qabachiiftan fedhaatii.

[16] Akka warra bilisummaa qabaniitti jiraadhaa; bilisummaa keessan immoo hammina dhoksuuf itti hin fayyadaminaa; garuu akka tajaajiltoota Waaqaatti jiraadhaa.

[17] Nama hunda kabajaa; obbolummaa amantootaa jaalladhaa; Waaqa sodaadhaa; mootiifis ulfina kennaa.

[18] Yaa garboota, isinis gooftota keessan warra gaarii fi toloota qofa utuu hin taʼin warra jalʼootas sodaa hundaan jalatti bulaa.

[19] Namni tokko yoo Waaqaaf jedhee dhiphina dabaan isatti dhufe obse galata qaba.

[20] Isin yoo sababii balleessaa hojjettaniif dhaanamtanii obsitan galata maalii argattu? Garuu yoo sababii waan qajeelaa hojjettaniif dhiphattanii obsitan kun fuula Waaqaa duratti galata qaba.

[21] Wanni isin waamamtaniifis kanuma. Kiristoos akka isin faana isaa duukaa buutaniif jedhee isiniif dhiphachuudhaan fakkeenya isinii kenneeraatii.

[22] “Inni cubbuu hin hojjenne; sobni afaan isaatii hin baane.”

[23] Yeroo isaan isa arrabsanitti inni isaan hin arrabsine; yeroo dhiphatettis nama hin doorsifne. Garuu isa qajeelummaan muru sanatti imaanaa of kenne.

[24] Inni mataan isaa akka nu cubbuuf duunee qajeelummaaf immoo jiraannuuf jedhee dhagna isaatiin cubbuu keenya fannoo irratti baate; isinis madaa isaatiin fayyitaniirtu.

[25] Isin dur akkuma hoolota karaa irraa badanii turtan; amma garuu gara Tiksee fi Phaaphaasii lubbuu keessaniitti deebitaniirtu.

Phexros Tokkoffaa — Chapters